AYYAANA GAARII EID - TopicsExpress



          

AYYAANA GAARII EID MUBARAK Diina keenya wayyaanee qalbiin jibbuu qofti bilisummaatti nu hi’baassu! Baarentuu Gadaatin | Hagayya 5, 2013 Dhalataan Oromoo kamiyyuu, kan biyyoota alaa jiraatus ta’ee kan biyya abbaa isaarratti wayyaaneen gabroonfamee jiraachaa jiru hawwiin inni bilisummaa gonfachuuf qabu olaanaa tahuun kan wal nama gaafachiisuu miti. Bittaa halagaa waggoota dhibbaa oliif irra ture kana jalaa bahee biiftuu bilisummaa arguuf xiqqaa guddaan, dhiiraa dubartiin Oromoo hundi hawwii guddaa qaba. Eenyuyyuu wantii oduu hin gaafatamin dubbatuu fi of gaafatu yooman harka diinaatii bahee bilisummaa koo argadhaadha? Yooman ajjeechaa, hidhaa, dararaa fi saamicha murna abbaa irree wayyaanee jalaa bahee biyya abbaa kootii keessatti nagahaa fi badhaadhinaan jiraadha dha? Kan jedhuu dha. Kun hawwiin Oromoo ajjeechaa fi dararaa wayyaanee baqatee biyyaa bahee fi kan biyya keessatti yeroo ammaa kana dararamaa jiruu hundaa ti. Sabni Oromoo; Oromiyaa kallattii kamittuu argamu, hawaasni Oromoo mootummoota Habashaa kaleessaatii fi mootummaa abbaa irree wayyaanee har’aatiin biyya abbaa isaatii baqatee biyya ambaatti argamu; wayyaanee diina qayee isaa dhuftee nageenya isaa goolaa jirtu, diina qayee isaa dhuftee qabeenya isaa saamtee isa hiyyoomsaa jirtu, diina biyya abbaa isaarratti humnaan isa gabroonfattee ajjeechaa irratti raawwachaa jirtu, diina ilmaan isaa baruumsarraa ariitee doofuumaaf isa saaxilaa jirtu, diina lafa isaa gabbataa saamtee gurgurachaa jirtu akka jibbuu fi ijaan arguu hin barbaanne beekamaa dha. Har’a Oromoon kamuu yoo gaafatame guyyaa tokkoofilleen tahu uummanni Ormoo bulchiinsa abbaa irree TPLF jala buluun salphinaa fi qaaneessaa akka tahe dubbata. Saamichaa fi dhiittaa wayyaanee jala sabni ammana gahu biyya isaa keessatti dararamaa jiraachuun qaanii fi salphina dorgomaa hin qabne tahuu dubbata. Ajjeechaa, hidhaa, dararaa fi saamicha wayyaaneen Oromoorratti gaggeesituutti nuffuu aarii fi xiiqiin dubbata. Gaafiin jiru garuu diina keenya wayyaanees tahee kan sanaan duraa; mootummoota Habashaa kan jibbinuu “Qalbii fi haasawa afaanii qofaan moo qaamaa qalbiidhan, gochaan jibbina? ” kan jedhuu dha. Baayyeen keenya waayeen mootummoota Habashaa kaleessa; warreen saba keenya dararaa turaniis ta’e waayeen wayyaanee har’aa yoo ka’u miidhaa kallattiidhaan akka nama dhuunfaatti murnoota kanaan nurra gahee fi akka Oromootti waloodhan nurra gahe yaadachuudhaan qalbiin diinoota keenya kana jibbina. Afaaniinis mana, mana keenya teenyee ni abaarra, ni arrabsina, osoo haruma gateettii keenyarraa bu’anii ni hawwina. Gaafiin jiru garuu qalbiin wayyaanee jibbinee afaanin mana, mana keenya teenyee abaaruu fi arrabsuu cinaatti gochaan hoo sochii murna nama nyaataa abbaa irree kana diigu keessatti ni hirmaannaa? Amma diina saamichaaf nurratti gurmaawee olaantummaa isaa eeguuf nujjeesaa fi dararaa jiru kanaa; nut Oromoon wal gurmeessinee roorroo jalaa bahuuf qaamaa qalbiin, gochaan TPLF irratti tarkaanfii fudhachuuf socha’aat jirraa? Kan jedhuu dha. Gaafii kana yoo irra deddeebinee of gaafanne safartuu kamiinuu wal madaaluu hin dandeenyu. Diinni caalaatti nu ukkaamsee nu saamaa jiraachuuf gurmuudhaan halakanii guyyaa hojjeta. Diinni qaamaa qalbiin halakanii guyyaa wal ijaaree biyya abbaa keenyaa saamaa jira, sabboontota Oromoo hidhaa fi ajjeesaa, baruumsa dhabalee godhaa jira. Nuti garuu baayyeen keenya gabrummaa jalaa baanee bilisummaa arguu hawwina malee gochaan waan nurraa egamu gumaachurratti dubatti hafnee jirra. Kanneen hafnes baayyeen keenya wayyaanees haa t’au diinoota keenya qalbii fi afaanin jibbina, ni arrabsina, ni abaarra faa ta’a. jibba keenya garuu gadi baafnee qabatamaan,gochaan agarsiisuu keessatti dirqamni kan qabsaawoota muraasaatii fi kan sabboontoota Oromoo bilisummaa Oromoof cichoominaan qabsaawaa jiraniit goonee ilaalla. Kun ilaalcha dogoongooraa, ilaalcha diinoota keenya humrii nurratti dheereessee gabrummaa nurra tursiisee dha. Osoo saba gama hundaanuu guutuu taanee jirruu balaa ilaalcha dogooggooraa kanaan diinni keenya wayyaaneen nu saamaa, ajjeesaa fi biyyaa nu baasaa akka waggaa 22f nurra turtu ta’eera. Fuunduraafis hanga ilaalcha kana jijjirrannee hundii keenyaa qaamaa qalbiin, Goshaan Tokkummaadhan mirga keenyaaf qabatamaan hin sochooneetti, tarkaanfii keessa deebii hin qabne irratti hin fudhatinitti dhiittaan wayyaaneedhaan Oromoorratti gaggeefamu jabaatee itti fufuun hin oolu. Rakkina har’a keessa jirru kana furuuf fi bilisa bahuuf dhalataan Oromoo dararaa wayyaanee fi mootummoota Habashaa baqatee biyyaa bahee fi bahaa jiru rakkina biyya keessattii fi kaampii baqattootaa Keeniyaa, Suudaan, Jibuuti, Soomaalee, Misraa, Yemanii fi kanneen biroo keessatti isa muudachaa ture garagalee yaadachuu qaba. Biyya amma dahannaa itti aragte taa’ees tahee karaa biraatiin; hawaasa isaa biyyatti yeroo ammaa kana wayyaaneen dararamaa jiruuf mirmachuu qaba. Gongumaa lammii isaa daqiiqaafilleen tahu dagachuu hin qabu. Miidhaa isaa fi saba isaarra gaheef wayyeenee qalbii fi afaaniin jibbuu qofa akka falaatti ilaalee callisuu hin qabu. Sabni Oroomoo guddichi biyya abbaa isaarratti murna wayyaanee bicuudhaan gabroonfamee jiruus gama isaatiin wayyaanee garaatti jibbuu fi gumgumuu qofaan akka ofirraa buqqisee darbuu hin dandanyee hubatee gochaan, tarkaanfii qabatamaan jibbaa fi diddaa wayyaaneef qabu agrsiisuu qaba. FDG kana ammoo caalaatti biyya keessatti sochoosuuf Oromoon baqannaan haat’uu sababa biraatiin biyyoota gara garaa keessa jiru deeggarsa irraa eeggamu hunda gumaachuun fardii ta’a. hammeenyaa fi gara jabina, dhiittaa mirga namoomaa fi saamicha wayyaaneen Oromoo fi saboota cunqurfamoo biroorratti gaggeechitu tokkummaan ifatti bahee balaaleeffachuu fi Adduunyaaf saaxiluu qaba. jibba wayyaaneef qabu mana taa’ee abaaruu fi arrabsuu qofaan osoo hin taane gadii bahee hiriirra adda addaa sabboontootaan qophaawurratti hirmaachuu agrsiisuun barbaachiisaa fi fardii dha. Humna, mahaalaqaa fi beekumsa qabun qabsawwota bilisummaa deeggaruu fi jajjeebeesuu aadaa taasifachuu qaba. Tokkummaadhan Hundii keenyaa bakka jirruu wayyaaneerratti qabsoofnaan, qaamaa qalbiin gochaan deeggarree tarkaanfii laaleessaa fudhannaan wanti guyyaa gabaabaa keessatti gateetti keenyarraa diina buufnee biiftuu bilisummaa hin qaammanneef hin jiru. I.U.Of! B.Gadaa gessogeda@gmail source ( ayyaantuu/horn-of-africa-news/oromia/diina-keenya-wayyaanee-qalbiin-jibbuu-qofti-bilisummaatti-nu-hibaassu/ )
Posted on: Wed, 07 Aug 2013 19:34:13 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015