AFAAN KISWAAHIILII FI ARABAATTI AANSEE…!!! Waanuma - TopicsExpress



          

AFAAN KISWAAHIILII FI ARABAATTI AANSEE…!!! Waanuma ajaa’ibaati har’as arginaayyuu nuti garuu!!!??? Hojiif bakkeewwan hedduun Oromiyaa keessa wayita deemu waanuma garaagaraa hin yaadnetu na mudata. Mudannoowwan kunneen gaaffiiwwan hedduun sammuu koo keessatti kaasu? Maaliif akkas ta’ee laata? Garuu sirrii dhaa akkas ta’uun isaa? Eenyutu akkas godhee laata? Eenyutu kana furuu qaba?....Har’a waan yeroo hedduun waltajjiiwwan garaagaraa irratti na mudatan tokko kaasee yaada koo isiniif qooduu barbaade. Dhimmichi irra-deddeebiin waan na mudateef na yaachisuun isaa hin oolle. Akkuman dura isinitti hime wanti kun Oromiyaa keessatti bakkeewwan garaagaraatti waltajjiiwwan garaagaraa irratti na mudatee maal gochaa jiruu na jechisiise. Wanti kun gidduu kana hojiif godinaalee Oromiyaa gidduudhaa tokko wayitan deemetti na mudate irra-deebiin. Magaalaa xiqqoo keessaa fi naannawaa ishee Oromoonni jiraatanii dha. Magaalattii keessa dhugumatti sabaa fi sablammoonni biroonis ni jiraatu. Garuu kan calaqqisu aadaa Oromoo fi harka guddaan kan dubbatamu Afaan Oromooti. Magaalaa kana hojiif wayitan deemetti waltajjii marii wayiitu ture. Waltajjii marii kana irratti namni waltajjii irra-taa’ee hawaasa maryachiisu tokko dubbii isaa jalqabe Afaan Oromootiin. Akkas jedhee dubbii isaa jalqabe….eeeee…eeee…jedhee itti-fufe “namoonni Afaan Oromoo hin beeknes waan jiraniif marii keenya Afaan Amaaraatiin taasifna” jedhe. Sanaan booddee Afaan Amaaraa tokkotti akkuma ta’u ta’ee caccabsaatuma itti-rarra’ee rakkachuutti deeme. Itti-rarra’ee, itti-hirkatee, wayita haasa’u akka dubartii da’uuf ciniinsuu irra jirtuu miixatee miixatee…haasa’uu itti-fufe. Waliin rakkataa waliin rakkatee dubbii isaa gidduudhaa jechoota otoo laga gamaa barbaaduu eee….eeeee….eeeee…eeeee…jechuun sa’aatii isaa gartokkee xumure…carraa hin qabnu waan ta’eef calluma jennee dhaggeeffachuu itti-fufne…wayita afaan qajeeltootti beeku haasa’uu dhiisee afaan sirriitti haasa’uu hin dandeenyetti rarra’ee waliin gidiraa argu akkasumas sa’aatii inni gubaa jiru wayitan yaadu maal gochaa jiraa gaaffiin jedhu sammuu kootti dhufe. Gaaffileen birootis walitti aansanii sammuu koo keessa akka laga guuteetti yaa’uu jalqaban. 1ffaa. Uummanni magaalaa baadiyyaa kana keessa jiraatu Oromoo dha. Sabaa fi sablammoonni magaalattii keessa jiranis waggoota dheeraaf uummata Oromoo waliin kan jiraatanii dha. Dhuguma Afaan Oromoo hin beekan jechuun waan baay’ee nama qaanessuu fi ajaa’ibuu dha. Yoo dhuguma hin beekan ta’ees fayidaa Oromiyaa irraa argamu malee Afaan Oromoo fi aadaa Oromoo hin jaallatan jechuuf nama dandeessisa. Sana yoo ta’e malee hawaasa Afaan Oromoo dubbatu waliin waggaa dheeraa kana jiraataa Afaan Oromoo hin danda’u jechuun dhugaa irraa kan fagaatee dha. Afaan Oromoo keessa jiraatteetii mitii sabaa fi sablammoonni ollaa jiranillee ni dubbatu. Namoonni kanneen gidduudhaa kaawwan isaanii otuma beekanii dhoksu. Kaawwan baruu hin barbaadan. Fayidaa namoota hedduu dhiisuun namota muraasa ergama biraa sammuu isaanii keessaa qabaniif dhimmamuun maali? Namni akka kanaa Oromiyaafis maal fayyada? Oromiyaa keessa jiraachuun eenyumaafuu bilisaa fi mirga. Oromiyaa fi Oromummaa kabajuu fi jaallachuun garuu dirqama. Garuu dirqamni fudhachuu qabnus aadaa fi afaan ofiis kunuunfachuu qabu. 2ffaa. Dubbiin namni Afaan Oromoo hin beekne ni jira jechuun naannoo Oromiyaatti Afaan Oromoo cinaatti dhiisuun Afaan Amaaraa fayyadamuuf yaalamu karaa naannawaa ta’een guddina Afaan Oromoo kan miidhuu dha. Ogeeyyiin Afaaniis kanuma nutti himu. Carraa Afaan tokko argachuu qabu hir’iftee kan biraaf yoo kennite akkasuma Afaan carraa jalaa fudhatte kan miidhuu fi kan carraa kenniteef kan dagaagsuu dha. 3ffaa. Warra uummata Oromoo keessa waggoota dheeraaf jiraatanii afaanicha baruu hin barbaannee fi otoo beekanii akka hin beekne of-fakkeessan toftaan Afaan Oromoo maal akka ta’e itti-agarsiisuun dirqama. Akkamitti yoo jettanii kan na gaafattan ta’e dubbachuu qabda yookin naannichaa baata jechuun fala hin ta’u. Garuu afaanicha beekuun dirqama akka ta’e toftaan itti-agarsiisuu qabna. Kanaafis carraawwanii fi fayidaawwan naannicha keessa jiran Afaan Oromoo waliin walitti hidhuun gaarii ta’a. Afaan hojii, barnootaa, murtii, qunnamtii Afaan Oromoo cimsanii taasisuu dha. Amma hin taanee jettanii yoo na gaafattan taatullee kana caalaa waa’ee afaanii cimsuun dirqama ta’a. Fayidaa naannicha keessa jiru Afaaniin walitti yoo hiinee fi Afaaniin yoo daangessine warri afaanichallee hin jaalanne dhimma jiruu fi jireenyaa akkasumas fayidaa naannicha irraa argamuuf jecha afaanicha baruun dirqama itti-ta’a. Afaan Oromoo beekuun carraa fi fayidaa akka ta’e itti-agarsiisuun murteessaa dha. Kanaan cinaatti Oromoonni Afaan biraa waliin hanga gidiraa argan kan ofii isaaniitti boonuun kan ofiitiin haasa’uutu irra jiraata. Afaan biraa fayyadamuun yakka jechuu kootii miti. Garuu kan ofiitiif dursa yaa kenninu. 4ffaa Dubbachuu bira darbees qubee Afaan Oromoo namni seeraan akka qubeessu taasisuun dirqama. Magaalota Oromiyaa hedduun keessa wayitan hojiif naanna’u wantin arge manneen-daldalaa hedduun balbala isaanii irratti Afaan Oromootiin barreessuuf yaalanillee qubee otoo hin eegin barreessu. Kun akka hafu Oromoon marti irratti qabsaa’uun dirqama. Warri kaan narraa haa baatuu dirqama barreessuu waan qabaniif barreessu. Warri kaan ta’e jedhanii qubee haala hin taaneen barreessu. Warri kaan Afaan Amaaraatiin jalatti waan barreessinuuf jedhanii kan Afaan Oromootiif hangasuu hin dhiphatan. Warri kaan hanqina beekumsaa irraati fakkaata. Kana mara hambisuuf eenyutu hojjachuu qaba dhalataa Oromoo malee? Eenyu nuuf haa dhimmamu nuti toftaan akka sirratu yoo hin taasifne? 4ffaa. Afaan Oromoo afaan sadarkaa naannoo qofaatti dangeffamuu ta’uun irra hin turre. Afaan Oromoo lakkoofsa namoota dubbataniitiin Afaan Arabaa fi Kiswaahiiliitti aansee Afrikaa keessatti sadarkaa 3ffaa irratti argama. Afaan Oromoo otoo sirnoota darban keessa dhiibbaa fi hacuuccaan irratti taasifamuu baatee, otoo har’as dhiibbichi karaa harka wayaa jalaatiin itti-fufuu baatee Afaan Amaaraa waliin sadarkaa federaalaattillee afaan tajaajiluu danda’uu dha. Mirgi Afaaniin dubbachuu sabaa fi sablammootaa kabajamuu qofaan gaaffii Afaan Oromoo kan deebisuu miti. Afaan Oromoo ittiin ha dubbatamu, haa hojjatamu, haa baratamu malee sadarkaa argachuu qabu ammas hin arganne. Harka wayaa jalaatiin, toftaan gadi-qabuun ni mula’tti. Naannawaa dhaabbilee barnootaa ol’aanootti hojii guddaan hojjatamullee ammas wanta guddaatu hafa. Hoogbarruun Afaan Oromoo amma barreeffamuu qabu waliin yammuu madaalamu kan hanga ammaatti barreeffame yoo ilaalle baay’ee xiqqaa dha. Galaana guddaa hin tuqamnee dha. Afaan Oromoo dagaaginni waggoota muraasa keessatti mul’ise warra kaaniif bowwoo mataa ta’eeti jira. Tarii Afaan Amaaraatiin cinaatti Afaan federaalaa ta’uu danda’a jedhamee gadi dhiibamaa fi ukkaamfamaati jira. Fakkeenyumallee yoo fudhanne miidiyaa federaalaa irraa akka gara naannootti gadi bu’u shirri hamtuun xaxamaa turteetti. Hanga tokkos warra shira xaxaniif milkoofteetti. Naannoon Oromiyaa Miidiyaa ofii isaa banachuun dhugumatti carraa guddaa dha. Naannoon Oromiyaa Miidiyaa ofii isaa banate jedhanii Afaan Oromoo uummanni miiliyoona 40 caalaan dubbatu miidiyaa federaalaa irraa akka gadi bu’u taasisuun baay’ee waan nama ajaa’ibuu dha. Biyya kamittuu wanta hin taanee dha. Qaamni dhimmi ilaallatus waa’ee kanaa tasumaa dubbachuuf fedhiis onnees ni dhabe. Naannoon Oromiyaa miidiyaa ofii isaa qaba jechuun uummata gowwomsuuf yaalan. Warri akkas jedhan naannoon Oromiyaa miidiyaa ofii isaa qabaachuutti gammadanii otoo hin taane shira Afaan Oromoo irratti xaxan ittiin dhokfachuufi. Afaan Oromoo haala hin yaadamneen dagaagaa dhufuun hedduun bowwoo warri itti-ta’e ni jiru. Halkanii fi guyyaa irriba dhorkeeti jira. Keessattuu paartileen tokko tokko Afaan Oromoo Afaan Amaaraatiin cinaatti Afaan federaalaa ni taasifna jechuun ijjannoo qabachuun hedduun namootaa naasiseeti jira. Dhugumatti uummanni Oromoo Afaan isaa akka dubbatu ta’eeti jira jechuun qofti gahaa miti. Shirri Afaanicha gadi-qabuuf xaxamus dhaabbachuu qaba. Afaan Oromoo Afaan sadarkaa federaalaatti tajaajiluu qabuu dha.
Posted on: Tue, 16 Jul 2013 09:54:26 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015