AS WR WB Oduu Gammachiisaa Eebba Hifzii Qur’aanaa Zoonii - TopicsExpress



          

AS WR WB Oduu Gammachiisaa Eebba Hifzii Qur’aanaa Zoonii Lixaa Azarnot magaalaa Qilinxootti Masjiida Bdir keessatti eebbi barattoota Haafizaa godhame. Ardha guyyaa 16/10/2005(ALH) Zoonii Silxee Baha Azarnat magaalaa qilinxootti masjiida badir keessatti eebbi oow’aan barattoota hifzii Qur’aanaa gadhame. Radio bbn Afaan Oromootin Sagantaa kanneen jidduun barnoonni hadduun kan adeemsifame yoo ta’u, kanniin keessaa sooma baatii Ramadaanaa as deemaa jiru kana akkamitti qophoofnee akka simannuu fi itti soomnu mariin godhame. Itti aansee baraaa Fu’aad Khaalid kitab Al-Jazarii hifziitti ka dhihaate yoo ta’u, kitaabni kun heera qaraatii Qur’aanaa ykn Tajwiidaa kan nama barsiisu keessa isa tokko. Kunis geegessitoota kullaa ykn woltajjii irraa wa’een kitaaba kanaa walitti qababaan irraa dubbatamee jira. Akkasuma barattoota lamaam jiddutti haasofni afaan Arabiitiin godhame hirmaattotaaf akkaan barnoota guddaa ta’ee argame. Itti aansee barataan Is’haaq Yuusuf kitaaba Tuhifatul-Axfaal jedhamu dhihaatee qomaan dubbisuu danda’ee jira. Kitaabban kunniin ka seera tajwiidaa irraa barachuuf filataman waan ta’eef barattoonni kanas barataa waan turaniif jecha isallee qomatti galfatuu danda’aniiru. Geegessitoota waltajjii keessaa inni tokko haasaya godheen, haafizoonni ardhaa kunniin fuulduraaf Qur’aanaa fi kitaabban kanniin akka hin daganneefi bakka maleellee akka hin oolle hordoffiin akka godhamuufii qabu cimsanii amaamaa dhaamatanii jiran. Itti aanee barattoota lamaan jiddutti tokko akka muftii tokko akka gaafataa ta’anii barnoota gaarii kennanii jiran. Kanniin keessaa wa’ee soomaatii fi zakaa irraa gaafiin cuunfaa gaafatamtee barataan akka muftii Qur’aanaaf hadiisa irraa rageeffatee deebii quubsaa kennuu danda’ee jira. Asitti aansee daa’ii beekamoota biyyaa keessa isaan tokko muhaadaraa godhanii jiran. Gorsa kana keessatti barataan, barsiisasan, tujaarrii fi hawaasn hafe hundinuu Qur’aana guddisan akka olqaban hubachiisanii nama Qur’aana guddise Rabbiin isa olkaasee akka guddisu ibsaniiru. Wolitti aansee bulchiinsi wirtuu kanaa haasaya anaadhufii eega godheen duuba gabaasa woggaa kaleessanii jiran. Bulchiinsi haasaya keessatti guddisee gammachuun guddoon akka itti dhagayamte ibsanii akka ardha dhaladhe natti fakkaate jedhaniiru. Dalagaan keyrii tun eennuufillee na argaa na dhagayaaf osoo hin ta’in Rabbiif jecha ka dalgamte ta’uu jabeessanii dubbataniiru. Akkasuma worra dalagaa keyrii tana irratti qooda ufii kennan galatoonfatanii Rabbi isin irraa haa jaalatu jedhaniiru. Barana barattootan 36tu Qur’aana juz’ii 30 guutuu seera tajwiidaa sirnaan eeganii haffazaniiru, barattoonni 5 juuza 15 haffazanii ijoolleen 6 ammoo sababa garagaraatiin jidduun dhiisanii keessa bayuu insanii jiran. Eganaa hawaasa sirna kana irratti aragaman keessaa worri filaman, woliigala sochii diinii ilaalchisee haala wolfakkaatuun kan biraallee wojjiin babaldhisuun akka barabaachisu yaada kennatanii jiran. https://facebook/pages/Radio-bbn-Afaan-Oromifaa/479595062114224 Dhuma irratti Hifzii Qur’aanaa fi barnootan wolqabatef worra xumureef badhaasn kennamee adeemsaa gaariin xumuramee jira.
Posted on: Mon, 24 Jun 2013 07:25:21 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015