Lallaba Walabummaa. Lallaba Walabummaa (Declaration of - TopicsExpress



          

Lallaba Walabummaa. Lallaba Walabummaa (Declaration of independence) irraa Maal Baranna? Bara 1650 irraa kaasee mootummaan England Ameerikaa Kaabaa toowatee bulchuu eegale. Mootummaan Faransaayis lafa hanga ta’e irraa qoodamuuf socho’e. Haaluma kanaan Konyaalee Kanaadaa Faransaayi bulchaa turteerti. Dorgommii biyyoota garaa garaa toowachuuf taasifame keessatti England fi French giddutti lolli shan gaggeeffameera. Sababa lola hedduu kanarraa kan ka’e motummaa Ingiliz kufaatiin diinagdee waan irra qaqqabdeef Naannolee Ameerikaa ofii bulchu irratti Qaraxaa fi gibira dabale. Uummanni Ameerikaa kan bittaa England jalatti kufe garuu haala kana fudhatee hin callisne. Mormii garaa garaa gaggeessuudhaan bittaa(colonization) Ingliz kana ofirraa cabse. Mormii Diddaa Gabrummaa 1. “No taxation without representation”-“Bakka bu’ummaa osoo hin qabaanne/ofiin osoo of hin bulchine, gibira hin kaffallu.” Uummanni Ameerikaa nu bakka bu’oota /mirga ofiin of bulchuu waan hin qabneef gibiraaf qaraxalle hin kenninu; meeshaa mootummaan Ingilizi alaa galchulle irraa hin bitannu, jechuudhaan uuffanaa fi meeshaalee adda addaa duubatti hafaalle ta’u kanuma ofii hojjatanitti tajaajilachuun diddaa argisiisan. Mormii Diddaa gabrummaa 2. Mootummaan Ingilizi galii karaa kanaan jiru dhabuu isatiin “Stamp act of 1765”(seera teembiraa) kan jedhamu uumee wanti waraqa fakkaate marti gazeexaarraa kaasee hanga iyyannoo mana murtii fi kaartaa taphatanuutti teembirri irratti maxxanfamuu qaba jechuun karaa teembiraa kanaan beesee/mallaqa sassaabuuf labsii baase. Labsiin kun yoosuma mormiin ciman isa qunname. Uummanni fayyadamuu diduu fi alatti bayee hiriira nageyaa bahee mormuu eegale. Wanti yennaa mara beekkamuu qabu tokko gabroomfattoomnni faayidaa wayii argachuuf /duroomuuf saba gabroomfatu. Sabni qaroon faayidaa aka isaan hin arganne karaa adda addaa itti cufa akka uummata ameerikaa kana. Gabroomfattoonni maallaqa uummatarraa guuranii rasaasaa fi garaan-bultoota itti bitanii ittiin uummata gabroomsu. Mormii Diddaa Gabrummaa 3. Bara 1767 loltoonni Ingilizi markaba lammii Ameerikaa tokko qaraxa hin kaffalle jettee aate. Worri markaballe ifirraa adhe. Uummanni Ameerikaalleen aaree ka’e. uummanni qawwee bitachuu fi loluu itti fufe. Gaafa March 5, 1770 naanoo New England jedhamutti uummanni Ameerikaa hiriira mormii bayee osoo jiruu loltoonni Ingiliz dhukaasa bananii nama 5ajjeesan. Tarkaaffiin (Bosten Massacre)-fixiinsa Bosten kun uummata ameerikaa garaa hammeesse. Uummanni ameerikaa addee cufaa ka’ee loltoonni gocha kana raawwatan murtiif dhiyaachuu qaban jedhanii falman. Mootummaan Ingilizilleen loltoota lama itti murteessee hidhaan adabe. Fincilli itti fufee uummanni Ameerikaa qabeenna shayii Ingilizi alaa fiddu eegee markabarraa abbaayaa/galaana keessatti gad-naqe. Gochi kun Ingilizootarratti kasaaraa hagana hin jenne geessisee dhiibbaa guddaa irratti uume. Mormii Diddaa Gabrumma 4. April,1775 irratti lolli bilisummaaf godhamu state/naannole 13 (amma 50) keessatti itti jalqabame. Gaaffiin George Washington fa dhiyeessaa turan “Nu ofiin of bulchinee/paarlaamaa/congress mataa keenyaa akka Ameerikaatti ijarrachuu qabna; garuu nugusa Ingiland jalatti akka bullu nuuf haa eeyyamamu” kan jedhu ture. July 14,1776 irratti garuu gaafiin fincilichaa ifaa ifatti gaafii Wolabummaa/independence ta’ee lallabame. Inni kun kan nama Jafferson jedhamuun barreeffamee fi kan The Declaration of Independence- Lallaba walabummaa jedhamee beekkamuu dha. Lallabni Wolabummaa maal of keessaa qaba? A. All men are created equal- ilmaan namaa marti wol-qixxee ta’anii uumaman. B.Ilmaan namaa maraafuu uumamaan mirgoonni hin mulqamne(inalienable) kan akka mirga lubbun jirachuu (life), bilisummaa(liberty) fi gammachuu (pursuit of happiness ) rabbirraa kennameefii jira. C. Mootummoonni mirgoota kanneen kabachiisuuf fedhii fi filannoo uummataatiin uumamu/ijaaramu. D. Yo mootummaan mirgoota kana hin kabajnee fi hin kabajsiisnee, kan burjaajessu yokaan kan uummata cunqursu taate uummanni mootummaa akkasii kana irratti fincilee jirjiiruuf mirga guutuu qaba. Mootummaan Ingiliz waan fedhii uummataatiin hin filaminiif akkasumas mirgoota namoomaa keenya kabajee kabachisiisaa hin jirreef nu nannoleen 13 tokko taanee wolitta dhufeenyaa fi olantummaa siyaasaa Ingiliz woliin qabnu guutumaa guututti cabsuudhaan BILISAA FI WOLABA ta’uu keenya addunyatti beeksifna. Kanaafuu nu naannoleen woliigalle ardharraa kaasnee woraana labsuu, nageya buusuu, woliigaltee uumuu,gibira guuruu fi waan mootummaan wolaba ta’e tokko godhu cufa kan godhuu dandeenyu ta’uu mirkaneessina. Labsiin kun labsamee woggaa tokko keessatti USAn bilisa baate. Nu Oromoon asirraa maal baranna?
Posted on: Tue, 12 Nov 2013 09:53:20 +0000

Trending Topics



t:30px;">
VIDEO: President Obama presents National Medals of Science and
A busy time. All special commissions succesful and customers

Recently Viewed Topics




© 2015