Leencaa fi Ilma Namaa Bara durii leenci tokko osoo bosona keessa - TopicsExpress



          

Leencaa fi Ilma Namaa Bara durii leenci tokko osoo bosona keessa deemuu daa’ima saamtonni haadhaa fi abbaa irraa ajjeesan tokko argatee nyaachuuf yoo deemu haati fi abbaan kan du’an ta’uu isaa argee daa’ima sana qabee gara mana jireenyaa isaatti fudhatee gale. Sana booda waan ofii isaatii nyaatu lafeefi, waanuma ofii isaatiif dhugu mara obaasee guddise. Mucaan sun erga guddate booda, gara dhala namaatti maxxanuu jalqabe. Adeemsuma kanaan namoota wajjin yaada waljijjiiruu jalqaban. Achumaan “Silaa ati ilmoo namaati, akkamitti leenca bineensa bosonaa waliin jiraachuu dandeesse?” jedhanii gaafannaan anaaf abbaa kooti; reeffa abbaa koo fi haadha koo jidduudhaa kaasee na fudhatee galee kan naguddise, abbaan ko kanan akka lubbuu kootti jaaladhu 46 isuma; kanaafuu, anis gara abbaakoottan gala; Isinis nagaan naa bulaa jedheenii, gara mana abbaa isaatti gale. Mucaan kun guyyaa sana yaa galuu malee hanguma ilma namaatiin wal argu hunda gaaffiin kunis kan hin hafne, deebiin isaas sanuma ta’ee osoo jiruu guyyaa tokko galgala warri ati yeroo hunda karaa abbaakoottan gala jettee leencuma kana wajjin jiraachuudhaaf yaadda. Hanga ammaatti waan badaa tokko irratti argitee hin beektuu? jedhanii gaafannaan waan gaaffiin isaanii itti baay’ateef, deebii tokko kennuuf dirqame. Kunis namootaa guutuudhaaf jecha yeroo na hammatee rafu bobaan isaa natty xiraaya malee waan tokko iyyuu wanta badaa irratti argeetu hin beeku jedheeni; jedhaa nagaan bulaa ani kara (gara) haba koottan gala jedhee biraa bahe. Yeroo sanatti alli (diidani) dukkana waan tureef namni hin argu, leencichi mana jala dhaabbatee dhageeffachaa ture. Erga mucichi bahe booda dura kaatee manatti galee eege. Erga mucaan gale booda, “maal ilma koo essa turetee dhufte? jedhee gaafate. Mucaanis, “asumaa osoon sanyii mukaa funaannadhuu natti galgalaaye,” jedheen. Achumaan, leencichis bakka mucaan ture waan argeef, akkasumas, waan inni jedhe hundumaa waan dhagaheef, aaree eeboo manaa qabu fuudhee “hoodhu na waraani!” jedhee mucaatti kenne. Achumaan mucaanis reeffa haadha kootiifi abbaa kootii gidduudhaa na kaastee naguddiftee, ammaan na geessee, ani ofan waraana malee akkamittan si waraana? jedheenii deebiseef. Achumaan mucaanis ajaja dirqamaa waan itti ta’eef, leencicha waraane. Leencichis erga waraanamee booda, erga na waraantee hanga madaan koo fayyutti, wanta argatte mara natty funaaniitii na dhibamsiisi. Jedheen mucaanis tole jedhee, waanuma argate funaanee hanga madaan isaa fayyutti dhibamsise. Leencichis erga nadaan isaa fayye booda, koottu yaa ilma koo jedheenii laali, madaan ati eeboodhaan nawaraante fayye: jechi ati gaafa sana mana fira kee teechee jette sun garaa kootii hin baane ani guddisee si hin nyaadhu; atis gara fira keetii; anis bobaa xiraa’aa kootii wajjin kara bosona kootii jedheenii gaggeesse jedhama.
Posted on: Mon, 23 Sep 2013 08:01:08 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015