Seenaa obboleeysa keenyaa Rashiid isa xumuraa! (kutaa jalqabaa - TopicsExpress



          

Seenaa obboleeysa keenyaa Rashiid isa xumuraa! (kutaa jalqabaa irraan kan itti fufe!) ………….“Saalim hin gaddin. Har’a gara masjiidatti eenyutu akka si geessu beektaa?” jedheen. “Umar ture. Inni garuu yeroo hunda na jalaa barfata.”…. “Miti. Har’a anatu si geessa” jedheen. Rifateetiin cal’ise. Hin amanne. Waan itti baldaa jiru se’e. imimmaan isa dhufe. Booyuu jalqabe. Imimmaan haqeefii harka isaa qabee konkolaataan deemuuf kaane. Wollaahii akkana naan jedhe. “Masjiidni dhihoo waan taheef miilaan deemuu qabna.” Ni rifadhe. Masjiidni eessatti akka argamu irraanfadheen jira. Yeroo xumuraatiif masjiida kan seenee yoom akka tahe yaadachuu hin dandeenye. Har’a garuu yeroo jalqabaatiif sodaan natti dhagahamte. Yeroo dheeraaf masjiida irraa fagaachuu kootti gaabbe. Masjiidni mu’imintootaan guuttamee jira. Tahus iddoo Saalimiif geettu saffaa duraa irratti argadheef. Khuxubaa jumu’aa wajji caqafanne. Cinaa koo dhaabbatee salaate. Eega salaatnee booda Qur’aana teessoo isaa wajji akka isaaf kennu na gaafate. Baay’ee na raaje. Ijaan arguu akka hin dandeenye osoo beeku akkamitti dubbisuuf barbaada laata? Jedhe garaa koo keessatti. Gaaffii isaa akka hin dhageenyetti tahee bira dabruuf barbaade. Haatahuu garuu hamilee isaa hin xuqu jedhee Qur’aana fuudhee dhiheesseef. Suuraah Al-Kahf akka banuuf na gaafate. Ni baneef. Qur’aana fuuldura ufii kaawwatee suuraa Al-Kahf dubbisuu eegale. Ijji isaa akkuma cufamtetti jirti. Yaa Allah! Suuraa hunda qomatti galfatee jira. Ufitti saalfadhe! Anis akka isaatti Qur’aana kaasee dubbisuun eegale. Hidhiin koo akka haarawatti dammaqan. Irra deddeebi’ee dubbise. Rabbii koo ararama gaaffadhe. Akka na qajeelchu warwaadhe. Of to’achuu hin dandeenye akka daa’imaatti booyuu eegale. Namootni hagoon sunnaa salaatan masjiida keessa turan. Isaan jiraachuu isaaniitiin ufitti saalfadhe. Booyicha koo dhaabuuf yaale. Natti ulfaate. Suuta suuta ture booyuu dhaabe. Wanti tokko fuula kiyya yommuu na xuqu natti dhaga’ame. Saalimtu harka isaatiin imimmaan koo naaf haqaa ture. Gara laphee kootti qabee isa hammadhe “Saalim koo si’i osoo hin tahin jaamaan ana ture. Yommuu namootni babbadaan gara Jahannamitti na harkisan kan cal’isee ilaalu” jedheen. Gara manatti deebine. Haati manaa koo saalimiif baay’ee shukultee turte. Sodaan ishee garuu gara imimmaan gammachutti jijjiirame. Saalimiin wajji jumu’aa akka salaatee deebi’aa jiru yommuu hubattu miirri ishetti dhagahame adda ture. Guyyaa sana booda salaatni jama’aa na jala dabree hin beeku. Hiriyyoota koo babbadduu sanniin ni dhiise. Namoota gaggaarii masjiida keessatti wal-arginu wajjiin walitti dhufeenya gaarii uumne. Hiriyyoota taane. Isaan wajji mi’aa iimaanaa dhandhamadhe. Wantoota hedduu isaan irraa bare. Guyyaa hunda salaatni na jala taree hin beeku. Da’awaan na jala taree hin beeku. Ji’a keessatti Qur’aana yeroo hedduu akattamuu jalqabe. Arrabni koo maqaa namoota kaasaa itti balduu fii hamachuu dhiifte maqaa Rabbii kaasaa zakkaruu aadaa godhatte. Maatii kootti seeraan dhihaadhe. Sodaa fii yaaddoon haati manaa koo sababa kootiin horattee turte ishee keessaa bade. Fuula Saalim irraa gammachuun fagaatee hin beeku. Namni Saalimiin fuula keessa ilaale adduniyaan tun akka waan harka Saalimii jirtuu itti fakkaata. Wanti hunduu akka waan kan isaa ta’etti itti dhaga’ama. Ni’imaa Rabbiin narratti ooleef galanni haa gahu Alhamdulillah Rabbil Aalamiin! Guyyaa tokko hiriyyootni koo gaggaariin isaannan haarawaa sunneen da’awaadhaaf iddoo wayi akka deemuuf karoorfatanii fii anis isaan faana yoo deeme akka jaallatan natti himan. Affeerraa isaanii kana jalqaba irratti hin fudhanne ture. Salaata istihraahaa eega salaatee booda haadha manaa koo mari’achiise. Na mormiti jedhee yaadee ture. Haatahuu garuu faallatti hedduu gammadde. Akka deemuuf iyyuu na jajjabeessuu jalqabde. Sababni isaas asiin dura isheen mari’adhee ugur dhaqee hin beeku. Gara saalimitti deemee da’awaadhaaf xinnoo biyyaa fagaadhee akka deemaa jiru yommuu itti himu harka isaa xixinnoo sanneeniin na qaqqabataa imimmaaniin na geggeesse. Baatii 3 fii bultii 15f mana koo irraa fagaadhee ture. Carraa argame hundatti fayyadamee bilbilee nageenya isaanii gaafadhaan. Akkatti isaan yaadee jiru!.... subhaanallaah! keessattuu Saalimii ilma koo! Sagalee isaa dhaga’uuf hedduun jarjara. Haatahuu garuu uyyaa imalaaf bahee jalqabee guyyaa tokkoyyuu isa argadhee hin beeku. Yoon manatti bilbilu inni mana barumsaa dhaqee jira yookaan immoo masjiida jira. Akkamitti akka isa yaadee jiru haadha manaa kootti yommuu himu haati manaa koo akkamitti akka gammachuu fii nashaaxaan naan haasoftu osoo argitanii isinitti himuu hin dandahu. Booda garuu wantootni dimmatti jijjiiraman. Yeroo xumuraaf yommuu isheef bilbiletti sagalee ishee na jalaa jijjiiramee ture. Saalimiin naaf dhiheessi isheen jedhe. Isheenis tole lama Inshaa Allah naan jedhaa cal’ifatti. Xumura irratti gara mana kootti deebi’e. Balbala mana kootii dhadhahe. Saalimtu na jalaa bana jedhee yaadee ture. Haatahuu garuu balbala kan na jalaa bane saalim osoo hin tahin ilma koo kan xiqqaa Khaalid ture. Umriin isaa waggaa afur guutee hin jiru. Fiigaa gara kootii yommuu natti dhufu lafaa olkaasee ofitti hammadheen. “Baa baa baa baa” naan jedhe Khaalid…. Maaliif akka tahe hin beeku onnee kootti natti ulfaataa ture. Hamtuu sheeyxaanaa jalaa gara Rabbitti maganfadhaa jedhe. Haati manaa koo deebi’uu kootti gammaduu osoo qabdu fuulli ishee jijjiiramee arge. Ofitti ishee qabeetiin “maal taate?” jedhee gaafadheen. “Humaa hin taane” naan jette. Saalimiin yaadadhee “Saalim hoo meeti? eessa jira?” jedhee gaafadhe. Haati manaa koo morma ishee lafatti gadi awwaaltee cal’ifatte. Imimmaan oowwaan fuula ishee irraan gadi konkolaatuu jalqabe. “Saaliim….Saaaaaliiiiim…..meeti Saaliiim?” iyyaatiin waammachuu eegale imimmaan na hudhaa. Sa’aa sanitti sagaleen ani dhaga’e sagalee mucaa koo isa xinnaa sagalee Khaalidii ture. “Baa baa baaa …. Taaliim taaliim rabbi bira gara jannataa deemee jira” naan jedhe afaan isaa cabaquun. Haati manaa koo of-to’achuu hin dandeenye lafatti jigdee booyuu itti fufte. Booda irratti Saalim torbaan lamaan dura haxaxxee olaanaatiin dhukkubsatee gara hospitaalaa akka fiddeenii turtee fii haxaxxeenii fii oowwi qaamaa isaa itti hammaataa deeme hanga lubbuun isaa dabrutti isaan gahe. Saalimis deebi’uu dhabuuf addunyaa nuuf dhiisee nu biraa sokkee jira naan jette.” Nuti kan Rabbiiti deebiin keenyas gara Rabbitti dha! Rakkoon si mudate furmaata yoo dhabde, Cinqaan si marsitee karaa itti baatu yoo dhabde, Abdiin sitti dukkanaa’e humna yoo dhabde Yaa Allah jedhii gara Rabbii keetti iyyadhu! Rabbiin abbaa Saalimii saalim du’uu isaatiin dura ilma isaa kan akkasitti tuffatuu fii jibbu sanaan gara daandii sirriitti isa qajeelchee jira. Rabbiin gooftaa akkam araaramaa tahee dha! SUBHAANALLAH! Source ;- Suna forum
Posted on: Tue, 29 Oct 2013 17:26:06 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015