aqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkon. - TopicsExpress



          

aqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkon. Ameen! Sooma Filchataa (Maariyaamii ): Soomni kun giiftiin keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamin akkuma Ilma ishii du’aa kaatee Iyyeruusaalem ishee haaraa seente jennee amanna kanaaf soomna. Fakkeenya Iyyeruusaaleem ishee haaraa kan godhannus kanaafi. Kan soomamus yeroo mara Hagayya 1 hanga Hagayya 15 yoo ta’u Hagayya 16 immoo soomichi ni hiikkata. Dubroo Maariyaamiin kan boqatte Amajjii 21 yoo ta’u duuka bu’ootni gara Geetesemaanii foon ishee awwaaluu yoo deeman Yihudoonni itti hinaafanii addaan isaan bittinsan. Yeroo kana ergamoonni foon Maariyaamii fuudhanii gara balbala Jannata jala teessisan. Baatii 8 booda duuka bu’ootni Waaqayyoon kadhatanii akkamitti osoo foon ishii hin awwaaliin jedhanii baayyee xiiqa’anii Waaqayyo kadhaatan. Yemmus Gooftaan kadhaa isaanii dhagahee, foon ishee balbaala Jannataa (Genet) jala jiru sana kenneefii kabajaanii fi kadhaadhaan awwaalan. Sirna awwaala sana irratti duuka bu’oota 12 keessaa Toomaas wangeela lallabuu waan deemeef hin turre. Toomaas Wangeela lallabee yommuu deebi’u, isheen immoo akkuma Ilma ishii erga awwaalamtee, guyyaa sadi booda du’aa kaatee yoo ol baatu Tomaas immoo wangeela lallabee gara Yeruusalemitti duumessa yaabbatee yoo dhufu karaatti walitti dhufan. Ol ba’uu ishee duuka bu’ootni biroo quba hin qaban ture. Innis yemmuu kana baay’ee gaddee, ni na’es, sababni isaas akkuma Wangeela irratti barreefame dura du’aa ka’uu Gooftaa fi akka duuka bu’ootatti muldhate hin agarre, isaaniis Gooftaa Iyyasuus agarree jedhanii itti himnaan, harka isa sibiilli ure, qaama isaas argu malee isin hin amanu jedhee mamee ture. (Yoh 20:24). Innis ammas akkanuma mamiinsa koo sana Waaqayyo natti lakkaa’ee kan du’aa ka’uu haadha isaas natti agarsiisuu dide jedheet ture. Yeroo kana si malee du’aa ka’uu koo kana namni arge hin jiru jettee tasgabbeessite, hinumaayyuu, wabiif akka ta’uuf immoo kafanii itiin kafanamte kenniteef. Innis yeroo duuka bu’oota bira ga’u dubroo Maariyaamiin akkam taate jedhee isaan gaafannaan “Bar awwaalle” jedhanii itti himani. Toomasis anis waanuma isin jettan dhagahuuf malee du’aa kaatee yeroo ol baatu arge jedhee itti hime. Kafanichas itti agarsiise. Waaggaatti immoo isaanis du’aa ka’uu ishee Toomas argee nu qofa hin argin hafne jechuudhaan soomaa torban lamaa qabatan. Isaanis heeyyama Waaqayyoo ta’ee du’aa ka’uu ishee guyyaa 16 irratti, yeroo lammataaf akka haaraatti ni argan, sanarraa kan ka’e hanga ammaatti manni kiristaanaa keenya hordoftoonni amantaa Ortodoksii akka sooman ni ajajji. Sugni fi araarsummaan Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nu waliin haa ta’u. Sooma Gaarii!!!
Posted on: Tue, 06 Aug 2013 16:29:56 +0000

Recently Viewed Topics




© 2015