Gamanaa Gamas Mallasaa Dirribsaa(Gaazexeessaa fi - TopicsExpress



          

Gamanaa Gamas Mallasaa Dirribsaa(Gaazexeessaa fi Biloogarii) Jalqabuma irraa eegalee waan tokko jala muree isinitti himuun barbaada. Ani miseensa dhaaba siyaasaa kamiituu miti. Deeggaraas miti. Ani gaazexeessaa dha. Waa’een siyaasaa dhiiga koo keessa jirti waan taateef xiyyeeffannaa itti-kenneen xinxaala. Keessattuu Oromoo sabboonaa ta’uun koo immoo waa’ee uummata Oromootiif garmalee akkan quuqamu na taasisee jira. Uummanni Oromoo waan argachuu qabuu fi waan argate wal-cinaa qabee yoon ilaalu salfuu fi xiiqiitu keessa kootti uumama. Saalfuu kana maqsuun waan uummanni Oromoo fedhuu fi argachuu malu akka argatu gochuuf immoo gumaacha Oromummaa taasisuun akka narra jiraatutu natti dhaga’ama. Kanaafi dhimma Oromoo irratti dammaqinaan kan hirmaadhu. Waa’ee Oromoon argachuu maluu fi hin argatin jiru wayitan xinxaalu eenyutu badii raawwate kan jedhu sammuu koo keessa deddeebi’a. Yaadni warra abaarsa qabnaa laata jedhanii yoomiyyuu naaf hin liqimfamu. Garuu tokkoon tokkoon keenya kanaaf karaa kallattiinis ta’ee al-kallattiitiin gumaacha waan taasifne natti fakkaata. Mee har’aaf waa’ee warreen maqaa Oromootiin dhaaba siyaasaa gurmeessanii biyya keessaa fi biyya alaa socho’anii kaasuun waan hanqina natti fakkaate haa kaasu. Tokkoffaa irratti Dhaabbanni Demokiraatawaa Uummata Oromoo dhaabbilee biyaasaa Itoophiyaa kan biroo waliin adda uumuun hooggansa irratti hirmaataa jiru akka yaada kootiitti baay’ee baay’ee hangan jedhamuu qabu caalaa dadhabaa dha. Dhaabichi adeemsi isaa harka caalaa fayidaa fi fedhii uummata Oromoo eeguu fi eegsisuu caalaa fedhii dhaabbilee siyaasaa adda waliin uumaniitiif dursa kennuutu mul’ata. Inumaayyuu hedduun Oromoo seenaa dhaloota isaa irraa kaasuun akkaataa inni uummata Oromoo bulchaa jiru irratti fakkeenyota garaagaraa dhiheessuun hirkattummaan jiraataa jira jechuun garmalee dhaabicha qeequ. Dhaabicha akka dhaaba Ormaa fi dhaabbileen angafoonni ADWUI toftaaf hundeessaniitti ilaalama. Kooti jechuun hedduun namaa bira hin jiru. Dhugumatti yoo ilaalames dhaabichi akka dhaaba saba bal’aa bakka bu’eetti wayita socho’u hin mul’atu. Kana eenyumtuu ni beeka. Ol’aantummaan dhaaba Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay daraaree mul’ata. Hanguma humnaattis dhiibbaan qabu wayita madaalamu Warraaqsa Demokiraatawaa Saba Amaaraatiinis gaditti mul’ata. Uummata biyyattii keessaa uummata harka caalaa jedhmuu danda’u bakka bu’uun akkanatti gadi-aantumman ilaalamuun saalfii guddaa dha. Kana tokkoon tokkoon Oromos ta’een eenyumtuu ifatti beeka. Dhaabicha irraa waan garaa nama kutusi dha. Dadhabbinni hanga tulluu gahee dhaabicha irraa mula’tu akkuma jirutti ta’ee wanti guddaan dhaabichi akkas ta’uun akkamiin nu miidhe kan jedhuu dha. Gama tokkoon dhaabichi hanga uummanni barbaadu deemuu dhabuun hanqina isa guddaa fi nama salfachiisuu dha. Gama biraatiin immoo uummannis dhaabichi kan kootii miti jedhee ofirraa dhiibuun miidhaa malee fayidaa hin fidne. Jaalatames dhiises dhaabichatu uummata kana bulchaa turee fi bulchaa jiras. Kanaafuu hanga dhaabichi aangoo irra turutti dhaabicha cimsuun morkataa gochuun haala siyaasaa jiru keessatti fayidaa uummata Oromoo eeguu fi eegsisuun irraa baqachuu caalaa hanga tokko fayidaa qaba. Maaliif yoo jettan wanti guddaan fayidaa uummataa toftaan eegsisuun gaarii natti fakkaata. Waanuma hundaa ormatti kenninee waggaa 20 caalaaf turre. Hanga dhaabbichi jirutti haala kamiinuu fayidaa uummataa mirkaneessuuf tarsimoowwan garaagaraa qabachuun socho’uun fayidaa waan qabu natti fakkaata. Yoo nuuf hin ta’u jedhan immoo irraa-fagaatanii ilaaluu caalaa kaasuuf murannoo fi gara-kuteenyaan hojjachuun dirqama ta’a. Sanaan alatti isas aangoo irratti dhiisanii ofiifis baqatanii dhaabichi hirkataa ta’ee wayita deemu miidhaan qabu daran hammaataa dha. Mormitoota biyya keessaatti haa ceenu immoo. Mormitoota biyya keessa karaa nagaatiin socho’an immoo yoo fudhanne kan maqaa Oromootiin ka’an lakkoofsa hin qaban. Garaagarummaa xiqqoo gidduu isaanii jiruuf jecha bittinnaa’uun DHDUOf umurii dheeressaa jiru. Rakkoo cimaan beekkamu gama filannootiin jiru akkuma jirutti ta’ee, dhaabbileenumti maqaa uummata Oromootiin socho’an garaagarummaa xixiqqoo gidduu isaanii jirtu maqsuun adda uumuun otoo socho’anii dhiibbaa cimaa geessisuu danda’u. Dhiibbaan geessisan DHDUO aangoo irraa kaasuus dhiisuus danda’a. Garuu dhiibbaa geessisuun isaaniituu mootummaan dhiibbaa isaanii sodaaf jecha gaaffilee uummata Oromootiif deebii akka kennu taasisa. Dur ni beektuu mitii? Warra bosonatti gale ittisuuf jecha DHDUOn deebii hedduun uummata Oromootiif akka deebise ni beektu jedheetin abdadha. Kanaafuu dhaabbileen siyaasaa maqaa Oromootiin biyya keessa karaa nagaatiin socho’an bittinnaa’uun deemuu dhiisuun akkasumas ishee irra-keessoo otoo hin taane quuqama cimaa uummattummaa qabachuun socho’uu dhabuun hangam uummata akka miidhe hubachuun gaarii natti fakkaata. Warra ala socho’anittin ce’a. Jalqabuma irraa qabsoo uummataa hoogganuu dadhabuun badii guddaa dha. Maqaa kessaniin namni hedduun hiraarsaaf akka saaxilame ni beektu. Asitti toftaa qabsoo itti-wallaaltan. Hedduun keessanis uummata ni qabsoonaaf jettan dhiiftanii magaalota Awuroppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessa jiraachuuf filattan. Warreen hojii siyaasaa idileen hojjattan waan tokko of-gaafadhaa mee…dhuguma uummata Oromootiif aarsaa fi wareegama kafaluuf qophooftanii? Deebiin isaa gabaabaa dha. Maaliif wal-sobna hedduun keessan aarsaa kafaluuf qophii miti. Qabsoon gamuma kamiinuu haata’uu arsaa gaafatti. Kanaafuu quuqama qabdu jedhee hangasuu dubbachuun na rakkisa. Magaalota Awuroppaa fi Ameerikaa keessatti sagalee uummata Oromoo dhageessisuuf yaaluun waan tokko ta’ee hojiin bu’uuraaa garuu kan hojjatamu uummata qabsaa’aniif keessa taa’amee ta’uu qaba. Asii waan tokko lafa qabsiiftan hin qabdan. Achumaa qabsaa’aa jirra jechuun ala. Odeeffannoo wayitaawaa waan uummata Oromoollee hin qabdan. Haala yeroo ammaan kana addunyaan keessa jirtu akkasumas uummanni Oromoo keessa jiru waliin tarkaanfachuun wantoota sirreeffamuu qaban irratti sirreeffama taasisuun deemuun isin bira hin jiru. Inumaayyuu waan nama gaddisiisu lagaa fi amantaan wal-qooddanii aangoof wayita wal-hunkurtan mul’attu. Kana gaafin argu akka Oromoo tokkootti quuqqaa cimaatu natti dhaga’ama. Warri Uummata Tigraay hacuuccaa jalaa baasan yoo ilaaltan Awuroppaa fi Ameerikaatti baqanna otoo hin jedhin uummata isaanii waliin aarsaa kafaluuf murteessanii itti-deeman. Isin garuu!!! Erga gama ceetanii gamas miilla tokkoon dhaabbachuun miilla tokkoon as dhaabbachuun otoo isinirra jiraatu miilla isa asii kuttanii waan gattan fakkaattu. Hunda keenya seenaan nu gaafata!!! Yoon dogoggore na hofkolchaa na sirreessaas. Kana ni dogoggorte jedhaa natti himaa…Akkanatti kan na dubbise Oromummaa dha malee kan birootii miti.////
Posted on: Thu, 19 Sep 2013 10:07:09 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015