A SAMPLE CLAN HISTORICAL SOCIAL LIFE STUDY PRESENTATION ON THE - TopicsExpress



          

A SAMPLE CLAN HISTORICAL SOCIAL LIFE STUDY PRESENTATION ON THE IMAGE OF THE CURRENT SOCIO-POLITICAL LIFE & GAMES IN ETHIOPIA (in Afan Oromo) (Message to all Oromos on Planet Earth and to Nearly all of Oromo Opposition party Medias/Communities/unions) -------------------------------------------------------------------------- ----- Forwarded Message ----- From: Abdurezak Jimma To: "[email protected]" ; "[email protected]" ;"ocaustralia@gmail" ; "[email protected]" ; "[email protected]" ; "[email protected]" ; "i_odaa@hotmail" ; "opc.gpo@gmail" ; "[email protected]" oromomedia@gmail" ; Ali Birra ,"bilisumma@gmail" ; "ocaustralia@gmail" ; "[email protected]" ,"[email protected]" Sent: Tuesday, May 14, 2013 8:41 PM Subject: Fw: Jabaadhaamee lafeedhankoo -------Forwarded Message ----- From: Abdurezak Jimma To: "gadaatv@gmail" Cc: "[email protected]" ; "[email protected]" ; "bilisumma@gmail" Sent: Tuesday, May 14, 2013 7:53 PM Subject: Jabaadhaamee lafeedhankoo Lafeedhankoo Oromoo kan Gadaa TV irra hojjettan hundaaf, Na Barbaaduu keessan ibsuudhaan na qunnamuudhaaf telefoonakoo akka isiniif kennu nagaafachuu keessaniif galatoomaa. Haa ta´u malee miidiyaaleen maqaa adda addaa ofitti moggaasanii Oduu fi sagantaalee adda addaa tamsaasan kamuu paartii siyaasaa maqaa adda addaa moggaafatanii socho´an waan bakka bu´aniif ammaaf dhiifama guddaa jechaa miidiyaa kamiinuu wajjiin haasaya telefoonaa ta´ee waraabbii sagalee fi fiilmii gochuu hin barbaadu.Haala akkas na feesisu irras hin jiru waan ta´eef.Oromoon maqaan paartiisaa kan fedhes haa ta´uu ani wojji hojjechuu ni danda´a.Maqaa paartiisaa osoo hin taane Oromiyaaf/Oromoodhaaf ta´ee Itoophiyaaf mul´ataa fi ergama raawwwatamuu danda´u qabaachuusaatiin isa madaaluu danda´a waan ta´eef.Mul´ataa fi ergama paartilee siyaasaa Oromoo amma socho´aa jiranii hedduusaa akka gadi fageenyaan qoradhee madaaletti daandii Oromoon irra deemee lubbuusaa balleessuufii qabu hin fakkaatu,tokko tokko gaariidha, garuu mul´ata galma dhaloonni Oromoo amma jiruu fi fuulduraa nurraa barbaaduus miti jedhamuu baatus bilchinni isa hanqata.Ani mataakoo keessatti Mul´ataa fi ergama adda ta´e qaba jechuu baadhus anaaf mul´anni naaf mijaahu kan Sabaa fi Sab-lammii Itoophiyaa hundaa fi ilmoo namaa hundaaf qixa mijaahaa ta´eedha.Ufdura hojiilee gurguddoo dhaloota ammaa ta´ee fuulduraa Itoophiyaatiif ta´ee Oromootiif mijaahaa ta´e erga hojjadhee xumuree lafeedhan Oromookoo bibittinnaa´anii abdii kutachuurra jiran kana erga jaallewwan gama tokko deebisuuf yaalii godhan wojjiin gara tokko deebisuurratti akka ilma oromoo tokkootti gaheekoo erga bahe booda Gadaa TV´s ta´ee miidiyaalee biroo wajjiin telefoonaan ta´ee,waraabbii sagalee fi fiilmiinis wojji teennee haasayuu ni dandeenna. Hangasiif Ergaa armaan gadii kan kallattiikoo xinnoos ta´u agarsiisu(Recommendation) isa dheenggadda yaada xumuraa isinii erge san qofa osoo hin taane yaada furmaataas waan guyyaa har´aatiif natti fakkaate itti daddabaleera waan ta´eef yoo dubbisuuf isiniif mijaaha taate dubbisuu yaalaa. Lafeedhankoo Oromoon hundi bakka jiratanitti nagahaan naaf jiraadhaa Abdurezak Mamma/Abbaadiinsaa Yaadachiisa:-Haa ta´u malee karaa fuula facebook kiyyaa-Abdurezak Tahiro jedhuun nagaa Oromummaa kan lafee fi dhiiga wolitti nu jirtuu wol-gaafachuu fi muuxannoon wolirraa qooddachuu qabnu yoo jiraata ta´e wolirraa qooddachuu dandeenna.Ilaalcha siyaasaatiin akka tasaa yoo woliif galuu baannes jechuu kiyya.Woliigaluu dandeennas jedhee tilmaama.Wolumaa gallas.Armaan gaditti DDD jedhamee kan qubeedhaan barreeffames maqaa osoo hin taane ilaalcha isaati kan wolii qooduu qabnu waan ta´eefi.Waan ani qorerratti yaada sirreeffamaa ni fudha.Osoo hin gulaalin draftima jelqaba qore erge waan ta´eef. -------------------------------------------------------------------------- LESSONS THAT CURRENT AND FUTURE GENERATION OF DDD CHILDREN,OROMO NATION AND MEDIAS MAY LEARN FROM THE REAL LIFE EXPERIENCE OF THE OROMO CLAN CALLED DDD CLAN HISTORICAL SOCIAL LIFE RESEARCH CONCLUSIONS AND RECOMMENDATIONS IN THE FORM OF NEWS PRESENTATION AND NARRATION (in Afan Oromo) OBJECTIVES OF THE STUDY: TO KNOW THE SOURCE OF EVIL AND THE CAUSE OF FAMILY HATRED WITHIN DDD CLAN (NB: sample size-128 persons/104 Male--24 Female/ who are members of DDD clan....Reliable Methods of Data collection was employed by Random sampling, Compiled by: Abdurezak Mamma--May,2013---Europe) THE SLOGAN OF WAR ON THIS EVIL:-´I only care for the current and future generation of DDD clan,I do not care for those who did shameful and evil acts within the clan whether their age is young or old, the evil doers should see justice at the court of DDD clan and the story should be shared by all DDD children´ ..(A.Mamma-leader of DDD clan war on Evil). CONCLUSIONS OF THE SURVEY(in Afan Oromo) - Sirnii fi ilaalchi siyaasaa bulchiinsa biyya tokkoo sirnaa fi ilaalcha waliin jireenya maatii,gosaa fi dhaloota gosaa itti aanuus kan walsimu ta´ee qabatamaan mul´ataa tures,jiras. - Sirni cubbamaan Fiwudaalaa fi Nafxanyaa yeroo xumuraatiif bara 1991 dhiiga sabaa fi sab-lammoota Itoophiyaatiin kan barbaadaa´e ta´us ilaalchi dulloomaan sirna Cubbamaa fiwudaalaa fi nafxanyaa miseensota maatii Oromoo bara fiwudaalaa abbaan isaanii ykn akaakayyuun isaanii aangoo salphinaa bara Fiwudaala Itoophiyaa kan ta´an kan akka Fiitawraarii,Giraa-azmaach, Qanyi-azmaach fi kkf kan ummata Oromoo gabroomsuu keessatti gahee guddaa taphatan ammas jireenya hawaasa Oromoo guyyaa guyyaanii keessatti aangoo salphinaa kanneen akka aangoo ulfinaatti kaasuun ilmi namaa fi obboleeyyan lamaan wol-qixaa miti,wol-dorgommii jireenyaa kamuu keessatti ulaagaa tokko malee inni bara fiwudaalaa aangoo salphinaa irra ture isa aangoo salphinaa san irra hin turin ni caala jedhaa oromoo fi sanyii Oromoo bara san daandii dhugaa qabatee wol-qixxummaa dhala namaa mirkaneesse xiqqeessaa fi mirga namoomaa dhooggataa jiru. - Akka seenaan dubbatutti Wol-mormiin sagantaa siyaasaa ganda DDD jedhamu keessatti yeroo hedduuf bara Fiwudaala Abbaalafaa gaggeeffame Garee ilmaan DDD Sirna Fiwudaalaa irraa bilisa ta´anii fi akka nama tokkootti jireennasaanii jiraatan kan nama XXX DDD jedhamuun hogganamu ijjannoo `Lafarra lafee fi dhiiga DDD wolitti nu jirtu filanna, wol-qixxummaa ijoollee DDD filannee wolqabanna` jedhu qabatanii kan mormaa turan yoo ta´u Garee nama YYY DDD jedhamuu kan ta´an immoo ijjannoo `Lafee irra Lafa filanna` jedhu qabatanii kan mormaa fi murteessaa turan yoo ta´u faffaca´iinsa, wol xiqqeessuu,wol jibbaa fi ilaalchi dulloomaan dhalli namaa wolqixaa miti jedhu dhaloota ammaa ganda DDD biyya alaa fi biyya keessa jiraatan kan garee dhiphoo bara cubbamaa sirna fiwudaalaa san filatan (...sirreeffamni godhameera..namoota hundaa miti waan ta´eef akka ragaan haarofti mul´isuuf yaalutti) keessatti harras akka dagaaguufi philosophy jireenya isaanii kan guyyaa guyyaa akka ta´uuf hundee ta´ee jira. - Sirni fiwudaalaa fi nafxanyaa yeroo xumuraatiif bara 1991 Itoophiyatti du´ee awwaalamus ilaalcha Fiwudaalaa fi Nafxanyaatiin hogganamuun hanga guyyaa kaleessaatti teessoo isaa ......... godhatee jibbaa fi dhara maatii ilma Oromoo kan DDD jedhamu kan biyya keessaa fi biyyoota gara garaa jiraatan keessatti facaasuun obboleeyyan lamaan abbaa fi haadha tokkorraa dhalatan akka wol-qixa hin ta´iniitti dhaloota ammaa barsiisuun maatii ilma Oromoo DDD jedhamuu kan dhugaa qabatanii jiraatan dararaa fi rakkoo cimaa irraan gahaa turaniiru.Haa ta´uu malee bara 2011 irraa eegalee Woraanni Bilisummaa maatii ilma Oromoo DDD kan JJJn hogganamu Hoggantootaa fi Aangawoota ilaalcha fiwudaalaa fi Nafxanyaa dhaloota ammaa barsiisaa turanii fi jiran kanneen mataa keessa miidiyaa fi Intarneetiin deddeebisee tumuun akkuma sirni cubbamaan Abbaa lafaa Haile Sillaaseen Dargiidhaan itti salphatee mana fincaanii masara mootummaa isaa keessatti awwaalametti guyyaa kaleessaa dhaloota ammaa DDD lubbuun jiran hunda dhimmicha miidiyaa adda addaa fayyadamuun dhageessisuun Hogganaan garee dhiphootaa fi dhiphoonni yakka sukkanneessaa gurra nama woraanu kanneen deddeebisanii dalagan kan ganda DDD keessa jiran hundi isaaniituu mana murtii maatichaatti(Jaarsotatti) murtiidhaaf akka dhihaatan gaafateera.Kan hafe hojiin kan mana murtiiti.Dhaloonni ammaa gandichaa hunduu dhimmicha balaaleffataa murtee mana murtii gandichaa eeggataa jiru.Dhaloonni ammaa maatii DDD murtee dhimmichaa dhiheenyaan hordofaa jiranii fi Hogganaan woraana bilisummaa maatii DDD Murteen mana murtii gandichaa haqa qabeessaa fi Maalaammaltummaa irraa bilisa akka ta´u ni abdata. RECOMMENDATIONS Lubbuu fi Dhiiga woreegamtootaa ilaalchonni akkanaa dulloomaan kunniin yoo nu yaadachiisee sagantaalee Barnootaa miidiyaalee Oromootiin tamsa´an keessa galchinee hin hojjatin gahee nurraa eeggamu baane jechuun hin danda´amu.Dhiignii fi lafeen woreegamtootaa sirnaa fi ilaalcha fiwudaalaa fi nafxanyaa barbadeessuu irratti dhangalaasanii fi caccabsan nu quuquu qaba.Danqaalee ilaalchaa akkanaa kanniin kan jaalalaa fi kabajaa hawaasa keessaa balleessan gareen qorannoo yaada ummataa miidiyaalee Oromoo taatan adda baastanii qorattanii Sagantaalee Barnootaa ta´ee sagantaalee Bohaartiitiin Sammuu sooftiweeriin dulloomaan akkanaa kuni itti fe´amee hawaasa rakkisu kana sooftiweerii haarawa qaroomaa ta´e itti fe´uun barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaadha. Kana gochuuf immoo miidiyaaleen elektirooniksii fi piresiis isin harka jiru. Maal eegnaree Oromookoo, HARMEEN OROMOO OSOO DHIIRA DEETTEE QABDU, DHARTI(Ilaalchi Fiwudaalaa,Ofittummaa,Nafxanyaa fi kkf) HOGGANAA ITTI TA´UUNII HIN QABDU.Fkn dhimmoonni ummanni adda baasee sirritti beekuu qaba jedhee yaadu 1. Hiikkaan jechoota Qanyi-azmaach,Giraazmach,Fitawrari kuni Bobbii gara mirgaa,bitaa fi fuulduraa akka ta´e. Maal bobbaasaa turan Oromiyaa keessa bara fiwudaalaa san? Horiidhamoo?,Jabbileedhamoo?Waraana? Oromoonni bara fiwudaalaa Woraana yoo kallattii hundaan bobbaasaa turan sana eenyurratti bobbaasaa turan? Galma sirna akkamii galmaan gahuuf? jedhee dhaloonni ammaa gad fageessee xiinxalu yoo gafatehoo deebiin aangoo kabajaati jedhanii waan ittiin uftuulan hin fakkaatu Oromoota osoo waan haasayan hiikkaasaa fi seenaasaa osoo hin beekne haasayan yoo taate malee. Kanaaf,achi booda aangoo kabajaa osoo hin taane aangoo salphinaa akka ta´e Dhaloota Oromoo ammaa miidiyaaleen barsiisuudha jedha ani.Ilaalcha Nafxanyaa fi Ofittummaa akkasitti hundeen buqqifnee sammuu Oromootaa qulqulleessinee qabsoo siyaasaa ta´ee dinagdee itti aanuuf qopheessuun dirqama keenya.Hin laafinaa..ufin xiqqeessinaa..."NUTU UF XIQQEESSE EENNUTU NU CAALE" jedhe Abbaan keenya kabajamaan Dr.Ali Birraan.Dhugaasaati.Dhugaa san qabannee cimnee qabsaayuudha,biyya keessaa fi alaayis jechuudha.Diinni Oromoo immoo mootummaa amma aangoo harkaa qabu caalaa ilaalcha Nafxanyaan keessa isaatti baatee nuuf deemuuníi fi nurratti hojjetaa jiraniin ta´uu Oromoon hunduu beekuu qaba.Akkasuma ilaalcha olaantummaa nafxanyaa nuti abbootii keenna afaan qawweetiin nafxanyaadhaan gabrooman irraa dhaallee sammuu keenna keessatti fedhii keenyaan baannee qabsoo laaffisnuunis ta´uu danda´a.Gama birootiin:seera Ofittummaa baafachuu fi hojiirra oolchuun,ajjeechaan,Malaammaltummaan,hidhaan,dararaa fi rakkoon Paartiin TPLF fi Harka dhahoonni isii kan amma aangoo harkaa qaban kunneen ummata Oromoo fi Muslimoota Itoophiyaa irraan gahaa turanii fi jiran waan lakkaahamee dhumatuu miti.Keessattuu bara 2011 irraa kaasee Oromoonnii fi hordoftootni amantii nagahaa/Islaamaa haala nama gaddisiisuun ajjeefamaa fi hidhamaa jiru.Takka gubanne lammata gubannaaree Oromookoo? Afaan sirna Nafxanyaa mi´aawaa sobduu keessi ibiddaa kan galmi sirnichasaa fedhii ummatummaa osoo hin taane malaammaltummaa sanaa fi Afaan Qawweetiin kan abbootii keenna gabroomsanii sooftiweerii ilaalcha nafxanyaa dharaa sammuu oromootti fe´an gahaadha.Sooftiweerii dharaa fi galma malaammaltummaa sirna nafxanyaa fi ofittummaa TPLF /Harka Dhahoota ishee kana yeroo xumuraatiif hundeedhaan uf keessaa haqnee sooftiweerii dhugaa haaraya gara galma Oromoon gahuu barbaaduutti nu geessisuu danda´u gad fageenyaan qorannee fe´achuudha sammuu keennatti.Eenyuu Oromoo hin caalle!Sammuu waaqni nuuf kenne cuunfinee seeraan itti fayyadamnee dhara,wollaalummaa fi hiyyummaa irratti qabsaayuu dinne malee!Oromoon eenyuuyyuu gadii miti!Sammuu keennatu sheeyxana,ilaalcha nafxanyaa fi Ilaalcha ofittummaa TPLF/harka dhahoota ishee kan miidiyaan dhaadheffamu wojji ta´anii sammuu oromoota hundaa gabroomsaa fi abdii kutachiisaa jiru malee.Harmeen Oromoodhaa gaafa nu deettu kaayyoo hedduu nu deetteef keessaa tokko wollaalummaa,hiyyummaa fi dhara burqaa ishee hunda barbaannee akka itti qabsoofnee burqaa dharaa hunda cufnee harmeen oromoo nu deette nagahaan haa jiraattuufi.Kaayyoo harmeen Oromoo nu deetteef maaf dagannee addunyaa dukkanooftuu keessatti paartii maqaa Oromoo jedhu qofa moggaafannee miidiyaa maqaa oromoo ta´ee jecha gaarii oromoo keessaa tokko itti kenninee miidiyaa maqaa akkanaa jedhaa akka SAREE WORAABESSA AGARTEE qofa caljedhanii dutuun galma Oromoon bira gahuuf mataasaa keessaa qabu bira nun geessu.Kanammoo lafaa ka´eeti miti,waan Oromoon yaadu natu keessa beeka,Dhaabbata Raadiyoo fi Televizhiinii Oromiyaatti,Expertii fi Dursaa garee Qorannoo yaada ummataa ta´ee naannoo woggoota afuriitiif hojjetaa ture.Bu´aalee Qorannoo yaada ummataa hedduus xiinxalaa ture.Oromoon burqaa dharaa hundarratti akka qabsooftaniif isinirraa barbaada.Kan isin amma miidiyaan haasoftan kana OPDOnuu deebii deebistee bira dabriteerti.Oromoon kan isin haasoftan kana hin dhagahu,isinitti kolfaayyu.Mul´ata bilchaataa raawwatamuuf daandii ifa ta´e qabu isinirraa barbaada Oromoon.Ani akka Oromoo tokkootti paartilee Oromoo amma socho´aa jirtan hundaan kan isiniin jedhu mul´ataa fi ergama keessan sirritti irra deebi´aa sakatta´aamee waan bilchina qabu hin fakkaatu. Paartiin biyya bulchaa jiru kunis paartii isa wojji dorgomu woyii qabaachuu qaba ykn immoo eennutu natuqa jedhaa ummata kan caale miidha beekaa.Jabaadhaa tokko ta´aa yeroo gabaabaa keessatti filannoo itti aanutti biyya galamee akka dorgomamee dhugaan biyya bulchuu qabdu.Woraabessa Ilaalcha Nafxanyaa fi ofittummaa TPLF baatee maqaa Paartii adda addaa moggaafatee biyya alaa fi biyya keessa deemee socho´u kanneen seera qabsiisanii halkan halkan qofa osoo nun jeeqin naannawa Oromiyaa keenna dhufee waan nyaatu barbaadachuun akka eeyyamamuuf qofa jela sararanii seeressuudha.Kunimmoo jelqaba sammuukeennarratti qabsoofnee uf hinjifachuu gaafata,achii dhara burqaashee hunda barbaadanii gogsuudha.Jabaadhaa. From: Gadaa Oromoo To: Abdurezak Jimma Sent: Friday, May 10, 2013 5:52 AM Subject: Re:Bu´aa Qorannoo yaada ummataa -USA fi Europe Dursee nagaa sii haa gayuu mee bilbilla kee nuuf kenii sii barbana Gallatoom TV gadaa --------------------------------------------------- Garagalcha:- - Oromo Opposition political party Medias like Gadaa TV,oromomedia etc - Oromo Opposition political parties - Oromo Communities and student Unions around the world - DDD Clan elders serving like court(Jaarsaa) - Dr.Ali Birra ---------------------------------------- -------------------------------------------------------------------------- Forwarded Message ----- From: Abdurezak Jimma To: "gadaatv@gmail" ; "[email protected]" ; "ocaustralia@gmail" ; "oromomedia@gmail" ; "[email protected]" ; Ali Birra Sent: Wednesday, May 29, 2013 6:05 PM Subject: GOOTOTA OROMOO JAARRAA KANAA LAFEEDHANKOO OROMOOTA HUNDAAF GOOTOTA OROMOO JAARRAA KANAA " QABSOO JIREENYA DHUUNFAA,HAWAASUMMAA,SIYAASAA FI DINAGDEE KAMUU KEESSATTI GOOTNI AKKA OROMOOTA JAARRAA KANAA WAAN XIXIQQOO WOL-QOQQOODUU HIN QABNEEN WOL-QOQQOODEE WOLIRRATTI DUULUU FI WOL-IJAARUU DHIISEE WOL-DIIGU HIN JIRU YOO JEDHAME SOBAA MITI; GARUU;DIINARRATTI,WOLLAALUMMAARRATTI,HIYYUMMAARRATTII FI BURQAALEE DHARAA HUNDARRATTI ONNEE GUUTUUDHAAN DUULUURRATTI LAAFINNI DHALOONNI AMMAA OROMOODHAA AGARSIISAA TUREE FI JIRU KAN ARAARAMA GODHAMUUFII MITI." (Wabii:-Bu´aalee Qorannoo Yaada Ummataa Abdurezak Maammaatiin Dhaabbata Raadiyoo fi TV Oromiyaattii fi Dhuunfaanis gaggeeffamaa,xiinxalamaa turan) ---------------------------------------------------------------------- Garuu,Eenyuu Oromoo Hin caalle! Oromoon Eenyuuyyuu gadii miti!! Akka Wabiitti jecha beektotaa ykn Nabiyyootaa keessaa tokko tokko yoo isiniif kaase:- -Prophet Muhammed(saw) said: "All people are equal, as equal as the teeth of a comb. There is no claim of merit of an Arab over a non-Arab, or of white over a black person, or of a male over a female. Only God-fearing people merit a preference with God." -"NUTU OF XIQQEESSEE EENNUTU NU CAALE!" Dr.Ali Birra -"We must learn to live together as brothers or We will perish together as fools" Dr.Martin Luther King ---------------------------------------------------------- JABAADHAA!JABAADHAA LAFEEDHANKOO! NUTI ILMAAN ABBAA TOKKOOTI,ABBAAN KEENYA MAQAAN ISAA OROMOO JEDHAMA.ILMAAN ABBAA TOKKOO MAALIIF WAAN XIXIQQOODHAAN WOL-QOQQOODNEE WOLIRRATTI DUULLAREE? WOLIIGALLEE DIINA,WOLLAALUMMAA,HIYYUMMAA FI BURQAALEE DHARAA HUNDARRATTI ONNEE GUUTUUDHAAN DUULUU MALEE!! YAA RABBI/WAAQ TOKKO NU GODHI!!WAAN XIXIQQOON WOL-QOQQOODUU FI WOL-JIBBAA OROMOOTA JIDDUU HAQI,NI DANDEETTA YAA WAAQ!!XUMURARRATTI GALMA OROMOON BIRA GAHUUF MATAASAA KEESSAA QABU BIRA NU GEESSI YAA WAAQ!!GALATOOMAA!!!
Posted on: Sat, 08 Jun 2013 07:17:56 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015