Afrikaan Biliyeeneroota Hedduu Qabdi,Hagi Tokko Qabeenna Ufiitu - TopicsExpress



          

Afrikaan Biliyeeneroota Hedduu Qabdi,Hagi Tokko Qabeenna Ufiitu Hin Dhoffata,Maaniif Seetan? Afrikaan akka gabaasa African Ventur baasetti dureeyyii doolara biliyoona hedduu qaban qaban 55 qabdi. Dureeyyiin 55n tun biyya 10 keessa jiran. Naayjeeriyaan dureeyyii akkanaa 20 qabdi, Afrikaan kibbaa 9 Masriin ammoo 8ti. Dureeyyiin Afrikaa bebeekamoon 55n tattana. Horiin jara 55n kanaa yoo walumatti deebisan doolara biliyoona 143 fi doolara miliyoona 88ti.Yoo silaa qoodatan nama tokko doolara biliyoona 2 fi miliyoona 600tti gahaa jechuu. Warra kana keessaa dureessii guddaan nama Naayjeeriyaa Aliko Dangoteti.Warshaatti duroosme,nama doolara biliyoona 20 fi miliyoona lamaan beekamu. Investera Afrikaa Kibbaa Allan Greyitti itti aana ka sadeessoolleen namuma Naayjeeriyaa,Mike Adengua zayitii fi investimentiin telecommunication duroomsie. Biliyeenerota Naayjeeriyaa 13 haga guddaan investemtni zayti fi haga kaan ammoo albuudatti duroomse.Waan akka warqii,diamond kakkanaa fa Akka abbaan gabaasa kanaa Chi Chi Okonjootti,”Afrikaatti namii horiin kiyya hagana jechuu akka ceeraatti ilaalama. Hagana qamnaa jechu mannaan ummataa hujii hojjannaa jedha. Tanaafuu haga qamnaa fi hagana walti kuufannee jechuu hin fedhan.” Dr.Azzar Jamini nama Afrikaa Kibbaatti dhaaba investientii maallqaaa ka Ecnometrics jedhan gorsu.Afrikaatti warri doolara biiyoona hedduu qabu heddachuun milkieetta dansaa hin fakkaatu maan jennaan qabeennii harka nama diqqaa qofatti kuufamaa wanti isaan duroomsee hagii tokko diidatti waan beekame hin qabu jedha.
Posted on: Wed, 16 Oct 2013 11:34:06 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015