IMAAMU AHMAD BINU HANBAL (Bara 164-241 Hijraa) Share godhuun - TopicsExpress



          

IMAAMU AHMAD BINU HANBAL (Bara 164-241 Hijraa) Share godhuun Sawaaba sheer godhaa!!! Urjii Ahmad Aqiidaa Imaamman afranii wal hin dhabdu. Hundi Imaamman warra Sunnaati, Isaan Aqiidaa salafaa qulqulluu barsiisaa turan. Saniif jecha rakkoo adunyaa hedduu qunnaman. Rabbiin hunda Isaanii irraa haa jaalatu. Tokkolleen Isaan keessaa Ahlusunnaa Suufii je’amee hin jiru. Imaamu Ahmad binu Hanbal bara 164 Hijiraa/ 780 A.L.F Iraaq magaalaa Baghdaad keessatti dhalate. Bara 241 Hijira/ 855 A.L.F du’ee Adunyarraa gara Jalqaba jiruu Akhiiraatti gargale. Imaamu Ahmad Aqiidaa keessatti sadarkaa guddaa qaba, rakkoo hedduu sababaa Aqiidaa Salafaa qunnamee jira. Inni moggaasa “Imaamu Ahlusunnaa” (duree warra Sunnaa) je’amuun moggaafamee jira. Zamana Mu’tazilaan Mootummaa gargaarsifattee dirqamaan nama kafarsiistu (Akkuma amma biyya teenyatti mootummaa gargaarsifatanii nama kafarsiisaa jiran kana) Imaamu Ahmad dura dhaabbannoo guddaa godhe. Koree “Mihna” (Qorattuu) je’amtu hundeessanii namuu qoratamaa ture. Akkuma Amma Majlisni Dr. Shifarraawiin hogganamu itti jiru kana. Gaafiin nama hundaaf dhihaattu “Quraanni Makhluuqa (waan uumame) malee jecha Rabbiiti miti” namuu gaafii tanaaf eeyyee jechuun yoo hin deebisne, ni ajjeefama, ni hidhama ture. Imaamu Ahmad akkas jechuu didee hidhamee, tumamee Irra aanee Imaam warra Sunnaa je’amee moggaafame. Akkanatti amantiin as geeyse. Arra garuu biyya teenyatti Wayyaaneen warra Aqiidaa Sunnaa namaaf kennuu fii namarraa fuudhu tahanii Muslimoota hidhaa, ajjeesaa jiran. ======Aqiidaa Imaamu Ahmad====== Imaamu Ahmad Aqiidaa tee nuuf himi yoo jenneen akkana taha deebisaan Isaa. Dubbiin Asii gadii hundi tan Imaamu Ahmad binu Hanbali: 1. “Rabbiin durillee, arrallee dubbataadha. Quraanni jecha Rabbiiti, uumamaa miti. Rabbiin sifa hanga Inni nuuf dubbate qofaan wassafama malee itti hin Ida’amu.” 2. Imaamu Ahmad Hadiisa Sifa Rabbiirraa dubbatu kan Jahmiyyaan diddu, waa’ee Rabbi arguu, Isr’aa, Arshii kanaan maal jetta? Je’amee gaafatamee akkana je’e “Hadiisa kana warri Sunnaa qeebalee waliif dabarsee jira, kanaaf akkuma dhuftetti Sabachiifnee bira dabarra.” 3. “Namni Rabbiin hin dubbatu je’u Kaafira.” 4. “Hadiisa Rabbiin guyyaa Qiyaamaa akka argamu dubbatu itti amanna, dhugaadha.” 5. “ Sifa Rabbii tan Inni ifiin yaame Isaaf sabachiisaa, tan inni ifirraa dhabama godhe Isinis Isarraa dhabama godhaa (Rabbiin hin wassafinaa)” 6. Waa’ee Jaahmiyyaa haadha Ahbaashii ilaalchisee akkana jechuun ibsa godhe “Jahm Ibni Safwaan (Abbaan firqaa Jahmiyyaa) “Namni Sifa Rabbii tan Quraanaa fii Hadiisa keessatti dhufte sabachiisu kaafira, Rabbi uumatti fakkeese” jechuun kijiba dubbata.” 7. Rabbiin ol tahuu Jahmiyyaa fii Ahbaashiin didduu Imaamu Ahmad akkatti sabachiisa “Nuti wanni amanu Rabbiin Arshiirratti akka ifiif fedhetti ol tahee jira, daangaan maleetti, Ilmi namaa akkaataa himuu hin dandahu.” 8. “Namni Rabbiin guyyaa qiyaamaa hin argamu je’u Kaafira.” 9. Rabbiin gaafa Nabi Muusaa dubbise sagaleen hin dubbifne warra je’u akkam jettaniin? Jechuun gaafatamee akkatti deebise “Rabbiin sagaleen dubbate, Hadiisa kana akkuma dhufetti dabarsina.” 10. Iimaanni maal akka tahe hoggaa Ibsu akkana je’e “Iimaanni ni dabalaa, ni xiqqaata. Akkuma Hadiisa keessatti dhufe.” “ Salaanni, Zakaan, Hajjiin, gaarii dalaguun hundinuu Iimaana. Dilii dalaguun Iimaana ni xiqqeesa.” “Iimaanni jechaa fii dalagaadha, ni dabala, ni xiqqata. Namni tokko zinaa yoo dalage, farshoo yoo dhuge Iimaanni isaa ni xiqqaata.” 11. Sahaabaa Ilaalchisee akkana jechuun Aqiidaa warra haqaa ibsa “Aadaa warra Sunnaarraa Sahaabaa hunda waan gaariin kaasuudha. Hamtuu Isaanii dubbatuu dhabuudha. Wal dhabbii Isaan jiddutti argamtes irraa dhaabbachuudha.” 12. Falsafaa Ahbaashiin barsiistu Ilaalchisee akkana je’e “Namni Falsafaa (kalaama) jala daddeemu hin milkaawu. Namni Falsafaa hordofu booddee Jahmiyyaa tahuun Isaa hafa hin qabdu.” Warra falsafaa Osoo hanga fedhan Hadiisa beekanillee itti hin dhalaawinaa je’a “Warra falsafaa (kalaamaa) waliin hin taa’iinaa, Osoo Sunnaa Rasuulaatiif s.a.w kan tumsan tahanillee.” =======KIJIBA AHBAASHII======= Ahbaashiin Aqiidaa Imaamman Afranii guututti hin fudhattu. Isaan warra falsafaadhaan Islaama balleeysuuf karoorfate. Aqiidaa Imaama Ahlusunnaa wajjiin hogga walitti laalle kijbni Isii hedduudha. 1. Rabbii sifa ifiin dubbateen hin yaamamu jechuun tarree Jaahmiyyaa keessa jiran. 2. Warra Sunnaa Kan sifa Rabbii akkuma Inni ifiin yaametti sabachiifna je’aniin, Kaafira jechuudhaan tarree Jaahmiyyaa keessa jiran. Imaamu Ahmad Jahm Ibnu Safwaan akka warra Sunnaatiin Mushabbihaa je’u dubbatee jira. Jahm binu Safwaan ni kijiba, Ahbaashiinis kijibduudha. Namni Rabbiin uumaa fakkaata je’e warra Sunnaah keessa hin jiru, garuu waan Inni ifiin je’e ni jennaan! 3. Ahbaashiin Sahaabaa arrabsuun tarree Shii’aa keessa jiran. 4. Falsafaa barachuu fii barsiisuun amantiin Isaanii tan Jaahmiyyaa akka taate dirree bahanii jiran. 5. Rabbiin hin dubbatuu jechuun Jaahmiyyaa wajjiin waliif galanii jiran. 6. Iimaanni guyyaa tokko qofa “Laa ilaaha Illaallaah” jechuudha, hin ida’u, hin xiqqaatu. Farshoo namni dhuguufii kana halkan dhaabbachaa bulu hundi Iimaanaan wal qixa jechuudhaan, tarree Murji’aa keessa jiran. 7. Ahbaashiin akkanatti bakka hundaa bazabazaa gurrattee Amantii “Bayya aynatuu” makamtuu taatee hafte. Falsafaan Isaan irraa waa hin fudhatin hin jirtu. Jallinni Isiin hin fudhatin hin jiru. Kan nama dhibu firqaa hundarraa jallina qofa fudhachuu Isaaniiti. Ammas Kan nama dhiibu Mallasii fii Dr. Shifarraaw Ahlusunnaa Suufii Isaaniin je’anii Muslimootaan wahbiyyaa jechuu Isaaniiti! Mee Isiin Ahbaashiidhaan Sunnii moo Bazabazaa “bayya aynatuu” moo “Falsafaa Ispriisi” moo maal jettaniin? >>>>>>>>>>>>>>>>> Kitaaba kiyya "Aqiidaa Ahlusunnaa fii Kijiba Ahbaashii" Afaan Oromootiin qophaawe fuula 32-36 laalladhaa. Ragaa wajjiin achirraa ni argattan. ///////////////// Peejii Tiyya Like godhuuf linkii kanaa gadii tuqaa: https://facebook/pages/Urjii-Ahmad/456539734418183
Posted on: Sat, 05 Oct 2013 15:33:23 +0000

Trending Topics



br>
U aint gone b able to run no where cause everybody know what you

Recently Viewed Topics




© 2015