Raajii Jaalalaa Zelealem Aberra Tesfa tiin | Fulbaana 30, - TopicsExpress



          

Raajii Jaalalaa Zelealem Aberra Tesfa tiin | Fulbaana 30, 2013 Luucaan gaaddisashee cululuqaan gannaa Jaalalli irraa caamee, kan gubee xooxarse ergaramni bonaa Aggachuu dhadabee roorroo aduu banbanaa Akka waan afanii, dirrashee isa qoore Akka waan qaqanii qaamashee isa aare Akka waan moogayee maddii isa shuntuure Akka waan saamani dhandhashe isa daare Dibbiqqoo fi waalluunshee kan irraa habarare Miidhagaan qullaashee, qullaan durba-qarree Dheebuu jaalalaatiin, dhabuu saa yeroo argu uffee fi qabbana Waa faluu fi yaade. Bullukkoo isheen footeef, duumeessa ulfinaa, Uffatee, aguuggatee; sammii limixaayee gurraacha dukkana Mallattoo seer-murtii, goraade-adabbiin, bakakkaan baqqaanaa Qilleensa konkonee, bubbee loggommatee, aangoo sammii koree Qaamashee haammachuuf qaamasaa itti maree Akka ’nni gabbatu dhandhishee inni mooge, dafee dhiiga horee Roobee dafqisiisuuf, roobee cululuqsuuf, jaalalaan soree; Dutaa dhedheekkamaa! Bookkisaa guungumaa! Guca-dukkan-saaqaa qaqaweessaa ibsee Yeroonni achias ka’u sagaleensaa dursee, Hunda tatamsaasee, uummata rommi’siise Giiftii Haadha Margootti huurrii buluklkoosaa yeroonni itti huwwise. * * * Mukti qarree gubbaa, caakkaan muummee keessaa Laftoo fi hoomiin, qilxuu fi birbirsa Adda-jaboo fi harbuu, qararoo fi waddeessa Reejjii fi eebicha ceekaa fi hadheessa, Mukarbaa fi haanquu, botoroo fi gambeela Bakkaniisa fi somboo gugddaan daggalaa Hacaacee, sokorruu, eebicha fi dhumuugaa Dhallaaduu, babaldhii, baggee fi alaltuu, biqiltuu afaan-lagaa Bineenssi lafa’rraa uumaan bitaa fi mirggaa Yaa’ee akka simatuu, harkatti qabatee badhaasaa fi arggaa Iyyee iyyaa dabarsuuf takka achi luucca’a, takkas as luucca’a, takkaas achi fiiga. Osoleen holqasheetti, canoon gara baalaa Illeettiin dhidhimatti, hantuunni gara boollaa Loccuun gara kaabaa, billaacha fi fuutuun gara damee jalaa Tikseen tiksuu dhiiste, daldaltuun daldala. Dheessee, jalaa fiigee akka qoomnii uumu Jaalalli Guungumaa, jaalala Haadha Margoo akkanni qunnamu. * * * Gara cabsaa waggaaf jaalalli waldhabe Wal arguu gammadee wal itti gaggabe Marmee wal haammate wal itti qadaadame, akka qadaada fi qabee Ganama jaalala, galagala jaalala, guyyaas jaalala roobe Silaa…. “ Jiruun tole harma jige kaasaa” jaalalaan utubee Harki ’bbaa warraashee yommuunni qaqqabe Giiftiin ergaramte guntuttee miidhagde akka loon dorrobe. Luucaan Haadha Margoo kan camsaan xooxarse Yeroo xinnoo boodaa biqilee lalise Gobbatee wal muddee, dambalali’ee mise Gadmeessi maseene biqiltuu magarsee. Muujjaan kosii keessaa, qunnii fi ijji buqqee Sanyiin qomoo adda-adda, kan namni gadi gate, kan namni gadi naqe Habaqi, hungulaalli, saaphaphu fi waan kaan kan ija miliqe Adaa, keelloo fi tuufoo, qobboo fi bosoqqee Morma ol baafate, cabsee biyyoo quuqee. Obboo abbaan Guunguma, jaalala dooddeessee Qaamaa qullaasheetiitti siddisa huwise Maddi qaamasheeti, boqooqoon hunddinuu burqitu mirgise Jajjabaa fi giraanxaan harawwaa miidhagse Malkaan muummeeshee ti taliila lolaasee Uummata ijoolleeshee badhaasa badhaase. Biddiqqoo fi waalluushee, kan calleen faayame Yommuutti gonfattu dirreen dirrashee tii kooree koora uume Tulluun guntutashee, daangulaa abbaa naatoo Guntutee mirgise akka harma daamatoo. * * * Cabsaa waggaa booda, yommuu hiyyoolee-daree Yommuu jamaan gubuu damaraa damaree Yommuu lookoo gurbaa, yommuu faaggaa durbaa, yommuu qoraa qarree Ariisaa goromsaa fi kormi goobuu, booda yeroo b a a a a a y e e e turee Giifitn Haati Margoo jaalala quufuushee eega hubatee bare, Boqqolloon sandaabee algeeyyuu duddigee Dugda boosetti ‘rratti xaafiin marguu argee Qoccoon yeroo abba ajjeesuu ilaalee, hubatee, Galuu dhaaf qajeelee, qilleensaa konkonee, bubbee loggommatee Giifti Haadha Margootti utuu nagaa hindhaamin fuula achi deeffate Sabata-Waaqayoo morma shee’rratti dhiisee akka waan irraanfate. Dutaa dhedhekkama! Bokkisaa guungumaa! Yeroonni qajeelu, ilmaan ilma-namaa: “Dhufee galuu hindhiisin Galee dhufuu hindiisin, Waaqni jaalalasaa nurraa achi hindeebisin” Jedhee waa mammaakee, gammachuu haasayee Malee……… kan gala hinfakkaannee, yerosaa eeggatee galee qulqullaaye Jaalalli Guungumaan Haadha Margoof qabuu roobee warwarraaye. Akka hurgufateen, akka huuriin saaqe Martuu gadi yaa’ee, iddoo itti baqatee, lafatti miliqee Iddoo hadhaba seenee, iddoo keessa of suuqee Tikeen gara kalootti, ta’aattii of facaasaa, corroqaa fi bacaqqee. Uumaan lubbuu horee, hirribaa dammaqe Sila hincaama hinseene, akka ijibbaataa yeroonni gadi naqe! * * * Giifti Haati Margoos, ijoollee to’achuuf hiixacha ol kaate Aduun, suuuuuuta suutaan akka waan saalfattee Goorroo huurri boroon morma as baafatte Danuu qaqqaana’a fuulashee muldhiste Qummaada ganamaa kaarruu basaq’ gootee Harka dheeressitee Haadha Margoo haammattee Afuuraa ho’aadhaan uumaa kaloo hundaa yommuu isheen dhungatte Kunoo yeroo sana tulluun gama fagoo, aguuggii buufatee Aduu harka-fuudhe, harka jarjarsuutiin marxoo marxifatee Asii gadii deebii’ee, afaan Waaq dhungachuuf iddo itti hiixatee. Uumaan lubbuu horee, irriba dammaqe, hinka’e inni ciise Ol jedhee hiixate kanneen mataa buuse Kormi nibaroode, fardi nihimimse. Horiin dirree kaloo, bineensi daggalaa Huursaan muummee keessaa, bubbisa bishaan lolaa Kiphee haadho re’ee, hobobsa korbuu hoolaa Raachi laga keessaa, fatteen dhagaa jalaa Ta’usaa weeddise, sammiin waxalaqqe, Daches habaxalla. Guungumaan godaanee yommuu jaalalli caame Tulluun moggaa fagoo akka waan buqqa’ee achii as adeemee Walali muldhate iddo itti Guungumaan Hadha Margoo qunname. Quruphisni jabbii, garmaamsi fardooli, qirixxee raadotaa Fandalalli gaangoo, boorraanna korommii, biddiiqni sangootaa Mardhannaa saawwoli, mardhannaan hoolotaa Korrisi weennii fi caraansi wadalaa, alaakni harrootaa Boombiin maseenqoo saan, qorophisi ululleen adunyaa farfataa Guungumaa geggeessuuf aduummoo simachuuf, waan sirban fakkaata. Siiquu sinbirrootaa fi kolfa qamaleetiin dirreen lubbuu horee Adunyaan gammade garaan Waaqa ifnaaniif, qilleensi huurri haree. Dagatte Ammagawuuf Sadaasa 11, bara 2001
Posted on: Tue, 01 Oct 2013 03:43:47 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015