Rev. Gudina Tumsas liberation theology being carried forward - TopicsExpress



          

Rev. Gudina Tumsas liberation theology being carried forward through this beautifully composed and touching song! Tolawak Elias, thank you! Calanqo Tube Hanga haraatti tasa hin fayyine godaannisni harma muranii, Sanyii hormaata abbootii kootii akka bosonaa ciranii Baroonni darbani hundumtuu sabakoof gaddaa fi booiicha Ammaoo nu nuffisiisee nutti hadhaaeera akka eebichaa! Mudaamuddii dhukkubsatanii karaa hin deemani, Gufuu balbala irraa ilaalanii bira hin darbani, Mukti tokko in aara malee kophaa hin bobau, Ilmi namaas kutaan wali qoodnaan bilisa hin bau! Kan garaa nuu laafu hin qabnu hundumtuu eeboo mirmirsa, Maaddii keenyaa nyaatee dhugee nurratti malee malchiisa, Mirgi sabakoo sarbamee qaee isaa irraa godaanfamaa, Baratee galma isaa hin gau soorri isaa summiin faalama! Harmeen dugdaa cabdee miidhamtee qoraan gurgurti, Abboon siidaa jige utubaa dulluma isaatti, Qeerroon fiigee kolfee taphachuun yaaddoo taeera, Sagaleen shamarran wawwaatan dhagaameera! Gootota galaafatanii beektota hidhaan gidirsu, Tokkumaa maatii diiganii Afaaniin misooma labsu, Albuudi biyyaa saamamee qabeenya isaanii taeera, Warri keenya sangaan qotu sadarkaan isaanii kuteera! Mudaamuddii dhukkubsatanii karaa hin deemani, Gufuu balbala irraa ilaalanii bira hin darbani, Mukti tokko in aara malee kophaa hin bobau, Ilmi namaas kutaan wali qoodnaan bilisa hin bau! Kun abaarsa eebba mitii mootiin biyya Ormaa nu dhaane, Gogiinsi hamaan dachee seenee sanyiin midhaanii maseenee, Qomoon koo kadhattuu hin qabu nurraa hafee kaaniif arjoomna, Hara hundumtinuu darbee harcaa biyya hambaa hawwina Harmeen dugdaa cabdee miidhamtee qoraan gurgurti, Abboon siidaa jige utubaa dulluma isaatti, Qeerroon fiigee kolfee taphachuun yaaddoo taeera, Sagaleen shamarran wawwaatan dhagaameera! Siyaasa keenya yakkanii kan isaanii labsataniiruu, Afaan qawween doorsisanii bara dheeraa bitaniiru, Abbaa biyyumaa molqamnee shorarkeessituu jedhanii, Akka bineensaa adamsamnee meeshaa hammayaa ijaaratanii!!! Mudaamuddii dhukkubsatanii karaa hin deemani, Gufuu balbala irraa ilaalanii bira hin darbani, Mukti tokko in aara malee kophaa hin bobau, Ilmi namaas kutaan wal qoodnaan bilisa hin bau! Waaqayyoooo faradi Waaqayyooo cal hin jedhiin!!! Waaqayyyoooooooo!!!!!
Posted on: Mon, 20 Jan 2014 20:55:50 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015