Sirni awwaalcha haadha-warraa hayyu-duree ABO haal ooaan - TopicsExpress



          

Sirni awwaalcha haadha-warraa hayyu-duree ABO haal ooaan raawwatame Posted 10/28/2013 Sirni Awwaalchaa Jaal Obsee Margoo Haati manaa HD-ABO, obbo Dawud Ibsaa gaafa Onkoloolessaa 26, bara 2013 biyya Norwey, magaala Bergenitti awwaalamani. Aadde Obsee Margoo gaafa Onkoloolessaa 11, bara 2013 dhukkuba tasaan mana yaalaa Haukeland sykehus jedhamutti ture kan duani. Sirna awwaalcha isaanii Oromootni biyyoota Germany, Netherland, Sweden, Nortwey fi bakkota kaanirraa hedduun gaafa jala-bultiisaa ture kan magaala Bergen galanii bulani. Gaafuma Onkoloolessa 25, maatiin bakka reeffi qubatee turetti deemanii nagaa dhaammatanii debiani. Gaafa Onkolooleessa 26, bara 2013 immoo Oromoonni biyya Norwey keessa bakka fagoo fi dhihootii awwaalchaaf lafoo, xiyyaaraa, konkolaataa fi bus dhaaan gamasitti yaaaa turani. Sirni awwaalichaas akka saaa Oslotti WD saaa 11:00 irraa geelaluun WB saaa 17:00itti raawwate. Dhimma kana nraawwachiisuuf akkuma koreen dursitee itti utubamte karoora baaftetti, mana sagadhaatti sirni kadhannaa ergadhomaeefii seenaan aadde Obsee Margoo tokko tokkoon himame. Aadde Obseen bara 1976 magalaa Mandiitti dhalatanii achumatti barachaa akka turtan, obbolaa dhiira 2 fi dubartoota 5 akka qaban, ijoollummaa isaaniin maatii keessatti akkaan nama jaalatamtuu tauu isaaniitu himame. Kana malees, aadde Obseen, cunqursaa mootummaa Itoophiyaatiin biyya abbaasaaniirra jiraachuu dadhabuun baqaaf akka saaxilam; bara 2002tti HD-ABO, obbo Dawud Ibsaatti akka seeraa fi aadaa Oormootti heerumantu himame. Bara sana sagantaa siyaasaa, seera, heeraa fi dambii adabaa ABO barachuun miseensa ABO taaanii sadarkaa adda addatti dirqamashaa bahaa turaniiru jedhe seenaan iisaanii dubbifame. Bakka sagadaa sanatti dhaamsi gadda abbaa-manaa, maatii, hiriyyootni isaanii, kutaan hawaasaa fi miseensotni ABO koonyaa gara-garaa erga dubbiofamee booda sirni awwalchaa raawwate. Booyiinnii fi lakkoofsi namoota achiirratti argamanii hedduu ture. kutaa hawaassa, amantaa fi ilaalcha siyaasaan osoo hin qoodamiin namni hedduun bahanii awwaaluun awwaalcha aadde Obsee kan kaan irraa adda taeera jedhame. Sirna sanaaf namoota 800-1000tti tautu irratti argamee. Bakka aara galfannaaf qophaawettis midhaan erga nyaatamee booda aadde Obseen eenyu turani? kan jedhu itti fufe. Namootni dhaamsa qaamaa fi seenaan isaan beekan gara-garas galama keessatti kaanii gadda isaanii bifa video, haasawaa fi walaloon boohichaan hudhamaa garramummaa fi sabboonummaa aadde Obsee himaa oolanii. Amanattiirraa kaasee haga aadaatti, hawaasummaa irraa kaasee haga qqabsoo saba isaaniifiitti cimina aadde Obseen dabaree dabareen faarsaa turani. HD-ABO, obbo Dawud Ibsaa gama isaniin haaswaa galatoomaa jedhu keessatti baaa gaddaa narra jiru baattachaa, qabsoo dirqama sabaa bahachuun narraa eegama. Nuti hundi keenyuu gadda keenya kana baattannee, dirqama keenyaa haa baanu. Qeeee keessan gaddi hin galiin. J/Obseen jaal koo, haadha-manakoo fi harka-mirgaakoo turete jedhani. Hawaasni Orromoo Bergenii gara guyyaa kudhanii oliif humnaa fi waan biroon maatii aadde Obsee cinaa dhaabbatanii, walliinis gaddananiiru. kanaafis obbo Tottootbaa Taaddasaa fi maatiisaanii, aadde Abburee fi Baayyush Taaddasaa dhiiraa dhalaan Oropmoo yoroo gaddaa nu biratti argamtan, humnaa fi waan biroon nu gargaara turtan maraaf galatni keenya guddaa dha, ulfaadhaa jenna jedhaniiru
Posted on: Tue, 29 Oct 2013 17:32:43 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015