AS WR WB AKEEKACHIISA XUMURAA !!! Muslimni Masgiidaan maleetti - TopicsExpress



          

AS WR WB AKEEKACHIISA XUMURAA !!! Muslimni Masgiidaan maleetti maali? qurxummiin bishaan irraa bahee jiraatu akka hin dandeenyetti. Nutis Muslimoonni masjiidoota keenya irraa baanee jiraachu hindandeenyu!. Abbaan irree mootummaan wayaane guyyaa harraa masgiida salaam /qeeraa harka isaa galchuuf koree masgiidaa dirqisiisun(sodaachisuun) akka mallateessan godhuu isaa dhageenye jirra, Duuba kanaa ol maal egaa jirraa? rakkoo kanaaf Muslimoonni Itoophiyaa hundi itti gaafatama. masgiida saamuu fi cufamuun kun kan jalqabaati miiti. Kanaan duraas masgiidonni baayyeen magaaloota addaa addaa keesatti garee farra islaamaa(wayaanee/Ahbaash) humnaan saamamanii, humnaan cufamaniiru. oduu kana hundi keenya dhageenye akka salphaatti bira dabruu keenyatu tarkaanfii harraatif nun gahe. Muslimni akkamitti masgiinni isaa guyyaa aduun yaroo saamamee cufamuu callisee laalaa? (laahawlawlaa walaa quwwata illaa billah). Tarkaanfiin mootummaa kun nagayaa biyyatti booreessufi. qabsoo keenya karaa hin barbaachifneetti ceesisuuf kan yaadame natti fakkaata. Gochi akkanaa kun biyyaafis, ummatafis, mootummaafis gaarii hin tau booddeen isaa weeragama guddaa nu kafalchiisa. Nuti Muslimoonni masgiinni keenya cufamee, hashagamee, saamamee, jiraachuun kan yaadamu miti. Kanaafu mootummaan wayaane tarkaanfii kana irraa hatatamaan dhaabachuu qaba. Kana tau baannaan garuu, ijji keenya osoo argu, gurri keenya osoo dhagahuu amantiin keeenya hin badu. Amantiin keenya baduu irraa wanti feete haabadu, qabeenyi kamiyyu habarbadaau. weeragama barbaachisu hunda kafaluf qophiidha. Kana booda waan callifnee laallu hin jiru. Amiiroonni keenya dhimma kana irratti waan dabarsan egaa jirra. Allahu Akbar!
Posted on: Sat, 16 Nov 2013 03:35:07 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015