Maalummaaa Mirga Hiree Ofii Ofiin Murteeffannaa fi Mirga Hiree - TopicsExpress



          

Maalummaaa Mirga Hiree Ofii Ofiin Murteeffannaa fi Mirga Hiree Murteeffannaa irratti Ejjennaa ADO Posted by ODF on Wednesday, June 26, 2013 · Leave a Comment Yaadni Hiree Ofii Ofiin Murteeffachuu jedhu, sabni tokko akka sabaatti egeree jireenya isaa karaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa akka isaa ta’utti utubachuudhaaf mirga inni qabu agarsiisa. Mirgi Hiree Murteeffannaa hojiitti yeroo hiikamu, mootummaa ofii qofaatti dhaabbachuu irraa ka’ee amma saba biraa wajjin guutummaatti wol makanii jiraachuu filachuutti deemuu danda’a. Hiika mirga Hiree Murteeffannaa keessatti iddoo guddaa kan qabu “yaadichi yeroo hojiitti hiikamu xumurri isaa maalii?” kan jedhu osoo hin ta’iin, sabi tokko jireenya isaaf ta’u murteeffachuuf filmaata adda addaa qabaachuu isaati. Yaadni Hiree Murteeffannaa addunyaa keessatti yeroo calqabaatiif kan akka yaadaatti ka’e yeroo Worraaqsa Faransaayi fi yeroo Lola Bilisummaa Ameerikaati. Yeroo lamaanuu, kessumaayyuu yeroo Worraaqsa Faransaayii, yaadichi kan inni itti xiyyeeffate, hariiroo saba tokkoof saba kabiraa gidduu jiraachuu qabu irratti osoo hin taane, sabi tokko akkamitti akka mootummaa ofii isaa ijaarratu irratti ture. Seenaan Hiree Murteeffannaa Afaan Ingliziitiin ‘Popular Sovereignty’ kan jedhu wojjin hedduu wal hidhata qaba. Kana jechuunis, maddi yokiin bu’urri mootummaa tokkoo kan inni tahuu qabu, yookiin kan inni irratti hirkachuu qabu, fedhii ummata bal’aa malee, fedhii moototaa (monarchs) ta’uu hinqabu kan jedhuudha. Kunis jireenyi siyaasaa saba tokkoo hariiroo nama tokkoof qabiyyee lafaa irratti akka inni hin rarraane godhee, yaada ambummaatti (citizenship) hidhe. Gabaabumatti, yaanni Hiree Murteeffannaa ganamuma yeeroo calqabe irraa ka’ee yaada dimookiraasiif haqa ambummaa of keessaa qabu ture jechuun ni danda’ama. Kana booda yaadii Hiree Murteeffannaa kan inni bal’atee, beekamee, iddoo guddaa qabaate xumura Waraana Addunyaa Tokkoffaa booda. Yaada kana utubaa godhachuudhaan motummootii Awurooppaa worri waraana sana irratti hinjifannoo argatan, worra mo’aman ittiin diiganii daangaa haaraa sararan. Waraana Addunyaa sana booddee, Baha Awurooppaatti, mootummooti haaraa hedduun hiree isaanii ofiin murteeffatan jedhamanii ijaaraman. Mootummooti kun baay’een saaniis hamma danda’ametti daangaa sabaaf sab-lammummaa irratti hundayyaniit ijaaraman. Preezidantiin Ameerikaa yeroo sanii Woodrow Wilson yaadichi akka inni babal’atu caalaayyuu, yaadi Hiree Murteeffannaa akka yaada dimookiraasii wojjin hidhata godhatuu taasisuuf carraaqan. Hata’u malee, yaadi Hiree Murteeffannaa yaada ta’uu irra darbee kan inni seera Adunyaa (International Law) kessatti fudhatama argate, xumura Waraana Addunyaa Lammaffaa booda. Waraanicha booda yeroo Charterri Gamtaa Mootummoota Wal-ta’anii (United Nations) mallatteeffamu, yaadi Hiree Murteeffannaa akka itti ida’amu godhame. Biyoota Afrikaa fi Isiyaa kolonii jalaa ba’uuf qabsoo bilisummaa godhaniif yaadi kun Chaartara keessatti ida’amuun isaa meeshaa guddaa ta’eef. Yaada kana irratti hundaawuudhaanis biyyoonni Addunyaa qabsoo isaanii deeggaranii kolonummaan akka digaamuuf gaafatan. Gaaffiin saaniis harka guddaan dhageettii argatee biyyootiin hedduun uumaman. Yeero sanaa ka’ee yeeroo dheeraadhaaf Hiree Murteeffannaan kan inni ittiin beekamuu fi bakkii inni itti hojii irra ooluu danda’e hariiroo worra kolonii Awurooppaa fi saboota Afriikaa fi Isiyaa gidduu jiru murteessuu duwwaa irratti ture. Kanuma irratti hirkatee, Hiree Murteeffannaan akka seeraatti hojiirra ooluu kan danda’u yeeroo hariiroon akkasii (classical colonialism) jiraatu duwwaadha kan jedhu yaadi babal’achuu jalqabe. Itti dabalees, Gamtaa Mootummoota Wal-ta’anii keessatti motummootii worri haqni Hiree Murteeffannaa hojiirra ooluun isaa jeequmsa guddaa nutti fida jedhaani sodaatan, haqi kun hojiirra ooluun kan irra jiru yoo biyyoota yookiin saboota lamaan gidduu daangaan wolitti ejjatu jiraate duwwaadha jedhamee, yeroodhaafillee hata’uu male, akka inni hiikamu taasisan. Kunis, Afaan Ingliziitiin “salt water theory of colonialism” kan jedhuutti geesse. Akka yaada kanaatti biyyi tokko hamma galaana guddaa cehee dhufee biyya, yokiin saba tokko hinqabannetti, yaadi Hiree Murteeffannaa jedhamu hojiirra hin’ooluuf jechuu dha. Haata’u malee, yaadi kun bara tokko fuhdatama haa’argatu malee, yeroo keessa fudhatamni isaa xiqqaachaa fi boodas gatii dhabaa dhufe. Kessumaayyuu yeroo biyyootiin Boltik, Eritrea, Riippabliikoota Sooviyet duraanii hedduun mootummaa isaani dhaabbatan yaadi kun kisaaraa keessa seenee gatame. Caalumattuu, yaadi kun yeroo kanatti hariiroo koloneessaa Awuroopaa fi saboota Afriikaa gidduu jiru murteessuu irratti waan xiyyeeffateef, hariiroon biyyoota Awurooppaa fi Afriikaa yookiin Isiyaa kunimmoo waan walabummaa malee, federeeshina hata’uu, yookiin waan biraa wolitti hidhata motummaa waloo tokko qabaachuun hiikamuu waan hin dandeenyeef, Hiree Murteeffannaa jechuun mootummaa walabaa ijaarrachuudha yaada jedhu gabbise. Amma’uu, dimshaashumatti,wolii galteen hiikaa yaada Hiree Murteeffannaatiif jiru, lafa daangaan wolitti hinbuuneetti furmaati jiru mootummaa walaba ta’e ijjaarrachuu qofaa yoo ta’uu, lafa wol cinaa jiratannitti yookiin daangaa woliin qabaatanitti garuu, filmaanni jiru motummaa wolaba dhaabuu irraa kaasee, federeshinii, autonomii, yookiin haqa aadaa qofa kabajsiifachuu darbee hamma gutummaatti fedhii ofiin saba kabiraa wojjin jiraachuu hammata. Egaa kun hundi kan argisiisu yaadi Hiree Murteeffannaa yeroodhaa gara yerootti akka haala jiruutti, akka baraatti, waan heddu irratti rarra’uudhaan akka hojiirra ooluu dha. Yaada hiree Murteffannaaa irraatti hundaawuudhaan sabooti Afriikaa fi Isiyaa hedduun biyyoota Awurooppaa jalaa bilisa ba’uudhaan mootumoota saanii dhaabbataniiru. Biyyooti baay’eeniis mootummaa hacuuccaa alagaa Awurooppaa of irraa buusanii mootummaa haccucaa ofiitiin iddoo buufatan. Kunis biyya baay’eetti yoo bittaa alagaa hambise’yyuu jireenya sabaa garuu hin jijjiirre. Mootummaa dhaabachuu jeechuun alaabaa haaraa fi nama of fakkaatu jalatti bitamuu duwwaa ta’ee argame. Geddaramni argame dimookiraasii sabaaf hin finne, saba abbaa biyyaa hin goone. Keessumattuu worri woraanaan worra koloneesittuu ari’aanii mootummaa qabatan, caalumatti worra saboota saani hacuucan ta’an. Barri bara irraan darbaa ennaa dhufu immoo, warruma koloneeffataa dur biyya bulchaa ture fakkaatanii taa’an. Kan nama gaddisiisu seenaa keessatti bilisa baastooti baay’een yeeroo taayitaatti ol bahan dimookiraatota gaarii ta’uu dadhabuu saaniiti. Ogeeyyiin siyasaa, warri kana hubatan, kolonii jalaa bahanii mootummaa ofii dhaabbachuu jechuun bilisummaa argachuu jechuu miti yaada jedhu dhiyeessuu eegalan. Yeroo jalqabaa, yeeroo waayeen kolonii Awuroppaa jalaa bilisummaa bahuun ho’aa ture, miidhaa worri kolonii Awurooppa saba Afrikaa fi Isiyaa irraan ga’aa turan irraan kan kaee, bu’aan Hiree Murteeffannaan saba kolonii jala tureef fidu sabicha bittaa halagaa jalaa baasuu irraan kan hafe mirga dimookiraasii wajjiin waliin ilaaluun dagatamee ture. Kunis warra bilisummaa booda taayitaa mootummaa koreef carraa gaarii kenne. Hiree Murteeffannaaan fuula lama (two aspects), jechuun fuula keessaa (internal) fi fuula alaa (external) yoo qabaateyyuu yeroo kana kan ilaalamaa ture fuuluma saa alaa duwwaa ture. Kana jechuun, Hiree Murteffannaan, mirga sabi Afrikaa warra koloneeffattoota Awurooppaa jalaa bawuu isaa ilaalchisee qabu malee, hariiroo sabni kuni biyya ofii keessatti akka abbaa biyyaatti mootummaa isaa isa haaraa wajjin qabu ilaalaa hin turre. Darbee darbees biyyi tokko bittaa kolonii jalaa bahee “bilisummaa” isaa argachuun qofti akka Hiree Murteeffannaan raawwatetti fudhatamaa ture. Maalummaa mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa fi seenaa keessatti attamitti akka ilaalamaa ture irratti qabxiiwwan kanaa olitti kaafne eddaa ilaallee, “ejjannaan Addi Demookiraatawaa Oromoo (ADOn) mirga kana ilaalchise qabu maali?” gaaffi jedhutti haa dabarru. ADO’n labsa bu’ureeffama isaa ibsuuf baase keessattis ta’ee sagantaa siyaasaa isaa keessatti, akka sabni Oromoo Hiree isaa ofiin murteeffachuu qabu sirriitti addeessee kaa’eera. Fakkeenyaaf, labsa bu’ureeffama ADO ibsu keessatti “qabsoon Oromoonii fi sabootni cunqurfamoon biraa mirga hiree murteeffannaa isaaniitiif gochaa jiran ammallee haqa” jechuudhaan ejjanoo Mirga Hiree Mureeffannaa ilaalchisee qabu ifa godhee ibseera. Hooggantoonni ADOs mirga saba Oromoo kana fudhachuu duwwaa osoo hin taane, akka hojii irra oluufis aka qabsaa’an yeroo adda addaatti beeksisaniiru. Haa ta’u malee, ADO’n mirga Hiree Mureteeffannaa dhiphisee osoo hin ta’iin bal’inaan ilaala. Akka ADO’tti fuulli Hiree Murteeffannaa kanaa olitti ibsame lamaanuu, jechuun – fulli keessaa fi fuulli alaa waliin wajjin akka deemanitti fudhatamuu qabu. Hiree Murteeffannaa yeroo jennu kan inni murteessuun irra jiru hariiroo sabni Oromoo saboota kabiraa, yokiin mootummaa Itoophiyaa wajjin qabu duwwaa osoo hin ta’iin, hariiroo mootummaadhuma mataa isaa (mootummaa Oromiyaa) wajjin qabaachuun irra jiruyyuu murteessuu qaba. ADOtiif haqi Hiree Murteeffannaa sirna demookiraasii dhugaa ijaaruu irraa adda ta’ee ilaalamuu hin danda’u. ADOn ejjennoo akkasii qabaachuun isaa mirga Hiree Murteeffannaa gar tokkee isaa duwwaa osoo hin taane gutummaatti fudhachuu isaa agarsiisa. ADO’n gaaffii Hiree Murteeffannaa saba Oromoo karaa sirna federeeshiinaa dhugaa taheen hiikuun ni danda’ama ennaa jedhus, hiikni Hiree Murteeffannaa mootummaa walaba ta’he dhaabbachuu qofa akka hin taane ijaa amanuufi. Akka kanaa olitti ibsuun yaalame, Hiree Murteeffannaan bara tokko haala jiru irraa ka’ee yoo akka mootummaa walabaa ijaaruutti ilaalamaa tureyyuu hiikni akkasii kuni bara hundumaa, haala hundumaa kessatti bifuma tokkicha kana qabateetu deemuu qaba jechuu miti. Ejjannoon ADO egaa mirgi Hiree Murteeffannaa dhiphatee hiika “biyya walaba ta’e ijaaruu” jedhu qofa qabaachuu hin qabuu kan jedhuu dha. Sabi tokko Hiree isaa ofiin Murteeffachuu qaba ennaa jennu, filmaata mirga kana qabaachuun isaaf kennu keessaa tokko kan ta’e “mootummaa walaba ta’e ijaaruu” isa jedhu qofa filachuu qaba jechuu miti. Sababni isaas, mirga “Mootummaa Walaba ta’e ijaaruu hojiirra olchuun yeroo hunda bu’aa barbaadame fida jechuu waan hin taaneefi. Asirratti hubatamuu kan qabu, ADO’n sabi Oromoo mootummaa walaba ta’he dhaabuuf mirga hin qabu ilaalcha jedhu akka hin qabaannee dha. Akka dhaaba siyaasaa mirga uummata Oromootiif qabsaawuuf kutatee ka’eetti, ADOn, sabni Oromoo gaaffi mirga Hiree Murteeffannaa isaatiif saboota biyyittii keessa jiran waliin walta’uudhaan sirna federeeshinii dhugaa ijaaree deebii quubsaa argachuu danda’aa jedha. ADO’n ejjannoo kana irra kan gayemmoo akkasumatti lafaa ka’ee osoo hin taane, haala siyaasa adunyaa, kan Afrikaa fi keessumaaammoo kan naannoo Gaafa Afrikaa xiinxalee; qubannaa saba Oromoo fi daangaa Oromiyaa ilaalee, hariiroo sabni Oromoo saboota biyya sana kessa jiran baay’ee saanii wajjin qabu hubatee, baay’ina saba Oromoo fi diinagdee isaa hubannaa keessa galchee, akkasumas aadaa dimookiraasii Oromoon akka sabaatti qabu irratti hundaayee akka ta’e hubachuun barbaachisaa dha. Walumaa galatti egaa, gaaffii saba Oromoo karaa federeeshina dhugaa hiikanii biyya Itoophiyaa keessatti sirna dimookraasii dhugaa diriirsuun Oromoo abbaa biyya isaatii gochuu isaa irrayyuu sirna impaayerumma balleesseetu gaaffii Hiree Murteeffannaatiifis deebii quubsaa argamsiisa – jechuun ergaan gulaalaa RBO imaammata ADO calaqqisiisu yaada isaa xumura. June 26th, 2013
Posted on: Wed, 26 Jun 2013 18:05:39 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015