Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon - TopicsExpress



          

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen. Baga isiniin gahe! Ayyaanni kuni Giiftiin keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamiin akkuma Ilma ishee du’aa kaatee Iyyaruusaalem ishee haaraa seenuu ishee fi duuka bu’ootaafis yeroo lammafaaf yeroo olbaatu mul’achuu ishee itti yaadannu dha. Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin akkuma dhala namaa waggaa 64 itti addunyaa kana irraa Amajjii 21 boqatte. Duuka bu’oonnis gaddanii awwaluuf yemmuu foon ishee gara idoo awwaala Geetesemaanii geessan Yihudoonni itti hinaafanii addaan isaan bittinsan. Yeroo kana ergamoonni foon Maariyaamii fuudhanii gara balbala Jannataa jala teessisan. .Kanas Yohaannis dumessaan baatamee deemee hitse hiwot jala akka kaa”an arguudhaan deebi”ee dhufee bartootatti himeera .Baatii 8 booda duuka bu’ootni Gooftaa Waaqayyoon kadhatanii “akkamitti osoo foon ishii hin kabajaan awwaaliin hafna?” jedhanii baaayyee xiiqa’anii Waaqayyon kadhachuutti ka’an. Yemmus Gooftaan kadhaa isaanii dhagahee, foon ishee balbaala Jannataa (Genet) ,hitse hiwot zaf , jala jiru sana kenneefii gara lafa kanaatti fiduudhaan kabajaanii fi kadhaadhaan awwaalan. Sirna awwaala sana irratti duuka bu’oota 12 keessaa Toomaas wangeela lallabuu waan deemeef hin turre. Toomaas Wangeela lallabee yommuu deebi’u, isheen immoo akkuma ilma ishii erga awwaalamtee, guyyaa sadi booda du’aa kaatee yoo ol baatu Toomaas immoo wangeela lallabee gara Iyyaruusaalemitti duumessa yaabbatee yoo dhufu karaatti walitti dhufan. Ol ba’uu ishee duuka bu’ootni biroo quba hin qaban ture. Innis yemmuu kana baay’ee gaddee, ni na’es, sababni isaas akkuma Wangeela irratti barreeffame dura du’aa ka’uu Gooftaa fi akka duuka bu’ootatti muldhate hin agarre, isaaniis Gooftaa Iyyasuus agarree jedhanii itti himnaan, harka isa sibiilli ure, qaama isaas argu malee mamee isin hin amanu jedheenii ture (Yoh 20:24).I Innis ammas akkanuma mamiinsa koo sana Waaqayyo natti lakkaa’ee kan du’aa ka’uu haadha isaas natti agarsiisuu dide jedhee gaddee ture. Yemmus Dubroo Maariyaamiin “Si malee du’aa ka’uu koo kana namni arge hin jiru” jettee tasgabbeessite, inumaayyuu, wabiif akka ta’uuf immoo kafanii ittiin kafanamte(maramte) kenniteef. Innis yeroo duuka bu’oota bira ga’u qulqulleettii dubroo Maariyaamiin akkam taate jedhee beekatuma isaan gaafannaan “Bar awwaalle” jedhanii deebisaniif. Toomasis “lakki anis waanuma keessan dhagahuuf malee du’aa kaatee yeroo ol baatu arge” jedhee itti hime. Kafanichas itti agarsiise. Waggaa isaatti immoo isaanis du’aa ka’uu ishee Toomas argee nu qofa hin argin hafne jechuudhaan soomaa torban lamaa qabatan. Isaanis heeyyama Waaqayyoo ta’ee du’aa ka’uu ishee guyyaa 16ffaa iratti, yeroo lammataaf akka haaraatti ni argan, sanarraa kan ka’e hanga ammaatti manni kiristaanaa keenya hordoftoonni amantaa Ortodoksii soomana filchataa kana ni soomu, guyyaa 16 ffaa kana irrattis ayyaanicha ni kabajji. Ayyaanni kuni ayyaanota gurguddoo 5’nan Dubaroo Maariyaamii keessaa isa tokko dha. Kadhannaan haadha qulqullettii keenyaa Dubroo Maariyaam, baay’es gara laafettii kan taate, sugni haadha Gooftaa Iyasuus, nu faana haa tahu. Ameen.
Posted on: Fri, 23 Aug 2013 08:32:29 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015